Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 61

Isaan Gombifamanii hin Sagadne

Isaan Gombifamanii hin Sagadne

SNebukadnezaar Mootichi waaʼee fakkichaa abjuu erga argee yeroo muraasa booda, warqee irraa fakkii guddaa tokko hojjete. Isas dirree Duraa jedhamu irra kan dhaabe siʼa taʼu, fuuldura isaatti akka sassaabamaniif Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo dabalatee namoota biyyichaa iddoo guddaa qaban waame. Mootichi ajaja, ‘Sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, miʼa ribuu qabu kan biraa, ulullee, sagalee miʼa garaa garaas yommuu dhageessan fakkii kanaaf gombifamaa sagadaa! Namni gombifamee hin sagadne kam iyyuu iddoo ibiddaa keessatti darbatama’ jedhu kenne. Ibroonni sadan sun fakkichaaf ni sagadu moo Yihowaa qofa waaqeffatu laata?

Achiis mootichi muuziqaan akka jalqabamu ajaje. Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoodhaan alatti namoonni hundi gombifamanii sagaduudhaan fakkicha waaqeffachuu jalqaban. Namoonni kana hubatan tokko tokko mootichatti, ‘Ibroonni sadan sun fakkii kee waaqeffachuu didan’ jedhanii himan. Nebukadnezaar nama itti ergee isaan waamsisuudhaan akkana isaaniin jedhe: ‘Fakkicha akka waaqeffattan carraa kan biraa isiniif nan kenna. Akkana hin gootan taanaan garuu iddoo ibiddi itti bobaʼu keessatti isin nan darbadha. Waaqni ana harkaa isin oolchuu dandaʼu hin jiru.’ Isaan garuu, ‘Carraa kan biraan nu hin barbaachisu. Waaqni keenya nu oolchuu dandaʼa. Yoo inni nu oolchuu baate illee, yaa mootii, nuti fakkicha hin waaqeffannu’ jedhanii deebisan.

Nebukadnezaar baayʼee aare. Namoota isaatiin, ‘Humna ibiddichaa isa dur bobaʼu caalaa dachaa torba akka bobaʼu godhaa!’ jedhe. Achiis, ‘Namoota kana hidhaatii achitti darbadhaa!’ jedhee loltoota isaa ajaje. Iddoon ibiddaa sun baayʼee hoʼaa waan tureef loltoota isaan darbatan sana yeruma sana gubee ajjeese. Ibroonni sadan sunis ibiddicha keessatti kufan. Haa taʼu malee, Nebukadnezaar gara keessaatti yommuu ilaalu iddoo ibiddaa keessa asii fi achi deemaa kan jiran namoota sadii utuu hin taʼin namoota afur taʼuu isaanii arge. Innis baayʼee sodaatee tajaajiltoota isaa, ‘Ibiddatti kan darbanne namoota sadii mitii? Namoota afur argaan jira; inni tokko maleekaa fakkaata!’ jedhe.

Nebukadnezaar gara iddoo ibiddaa sanatti dhihaatee, ‘Yaa tajaajiltoota Waaqa Hundumaa Olii gadi baʼaa!’ jedhee iyye. Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon homaa utuu hin miidhamin, ibiddicha keessaa baʼuu isaanii yommuu argan namoonni hundi baayʼee ajaaʼibsiifaman. Gogaan isaanii, rifeensi isaanii fi uffanni isaanii hin gubanne; foolii ibiddaa illee hin qaban turan.

Nebukadnezaar, ‘Waaqni Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo guddaa dha. Inni maleekaa isaa ergee isaan oolcheera. Waaqni akka Waaqa isaanii taʼe hin jiru’ jedhe.

Atoo akkuma Ibroota sadan sanaa maal iyyuu utuu uumame Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf murteessiteettaa?

“Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi.”—Maatewos 4:10