Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 62

Mootummaa Akka Muka Guddaa Taʼe Tokko

Mootummaa Akka Muka Guddaa Taʼe Tokko

Gaaf tokko halkan Nebukadnezaar abjuu nama sodaachisu tokko abjoote. Hiika isaa akka itti himaniif namoota isaa ogeeyyii taʼan waame. Haa taʼu malee, isaan keessaa namni tokko illee abjuu isaa hiikuu hin dandeenye. Dhuma irrattis, mootichi Daaniʼeliin gaafate.

Nebukadnezaar Daaniʼeliin, ‘Abjuu kootti muka tokko nan arge. Innis hamma samii bira gaʼutti ni guddate. Lafa irratti iddoo kamii iyyuu ni mulʼata. Baalawwan babbareedoo fi firiiwwan hedduu qaba. Bineensoonni gaaddisa isaa jalatti boqotu; allaattiiwwanis mandhee isaanii damee isaa irratti ijaarratan. Achiis maleekaan tokko samiidhaa gadi buʼe. Innis akkana jedhee iyye: “Mukicha muraa; dameewwan isaas kukkutaa. Haa taʼu malee, gufuu isaa hidda isaa wajjin lafa keessatti dhiisaa; hidhaa sibiilaa fi sibiila diimaatiin hidhaa. Sammuun mukichaa sammuu namaa irraa gara bineensaatti haa geddaramu; barri torbas isa irratti haa darbu. Namoonni hundi Waaqayyo Bulchaa akka taʼee fi inni mootummaa tokko abbaa barbaadeef kennuu akka dandaʼu haa beekan.”’

Yihowaan hiikni abjuun sun qabu maal akka taʼe Daaniʼelitti mulʼiseera. Daaniʼel hiika abjuu sanaa yommuu hubatu ni sodaate. Akkana jedhe: ‘Yaa mootii, abjuun kun kan dubbatu waaʼee diinota keetii utuu taʼee nan gammadan ture; garuu abjuun kun waaʼee kee kan dubbatu dha. Mukti guddaan murame sun si dha. Ati mootummaa kee ni dhabda; akkuma bineensota bosonaa marga lafaa dheedda. Garuu maleekichi gufuun isaa hidda isaa wajjin akka dhiifamu waan dubbateef deebitee mootii ni taata.’

Waggaa tokko booda, Nebukadnezaar bantii mana mootummaa isaa irra deemaa Baabiloniin dinqisiifachaa ture. Inni, ‘Magaalaa dinqisiisaa ani ijaare kana ilaalaa. Ani hammam guddaa akkan taʼe ilaalaa!’ jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruu sagaleen samii irraa, ‘Nebukadnezaar! Amma ati mootummaa kee ni dhabda’ jedhe.

Bataluma sanatti, Nebukadnezaar sammuun isaa hojjechuu waan dideef akka bineensa bosonaa taʼe. Mana mootummaa isaa dhiisee bineensota wajjin bosona keessa jiraachuuf dirqame. Rifeensi Nebukadnezaar akkuma baallee joobiraa ni guddate; qeensi isaas akka qeensa allaattii taʼe.

Barri torba erga darbee booda, Nebukadnezaar gara sammuu isaatti kan deebiʼe siʼa taʼu, Yihowaanis mootii Baabilon isa godhe. Achiis Nebukadnezaar akkana jedhe: ‘Ani Yihowaa isa Mootii samiiwwanii taʼe nan jajadha. Amma Yihowaan Bulchaa taʼuu isaa beekeera. Inni namoota of jajan gadi qaba; inni abbaa barbaadeef mootummaa kennuu ni dandaʼa.’

“Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa.”—Fakkeenya 16:18