Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 63

Barreeffama Keenyan Irratti Mulʼate

Barreeffama Keenyan Irratti Mulʼate

Yeroo booda, Belshaazaar mootii Baabilon taʼe. Gaaf tokko galgala, inni afeerrii tokko irratti namoota biyyichaa iddoo guddaa qaban hedduu afeeree ture. Xoofoowwan warqee warra Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yihowaatii fudhate akka isaaf fidan tajaajiltoota isaa ajaje. Belshaazaarii fi keessummoonni isaa xoofoowwan sanaan dhugaa fi waaqolii isaanii jajachaa turan. Akkuma tasaa harki namaa tokko mulʼatee jechoota iccitii taʼan keenyan galma mana nyaataa sana irratti barreessuu jalqabe.

Belshaazaar baayʼee naʼee ture. Namoota isaa ayyaana hedan waamee, ‘Namni kam iyyuu jechoota kana naa hiikuu yoo dandaʼe, ani akka inni Baabilon keessatti nama aangoo sadarkaa sadaffaa qabu akka taʼu nan godha’ jedhee waadaa isaaniif gale. Isaan yaalii kan godhan taʼus, isaan keessaa namni kam iyyuu jechoota kana hiikuu hin dandeenye. Achiis haati mootichaa ol seentee, ‘Namichi Daaniʼel jedhamuu fi Nebukadnezaariif wantoota hunda hiikaa ture tokko jira. Inni jechoota kana siif hiikuu ni dandaʼa’ isaan jette.

Achiis Daaniʼel gara mootichaa dhufe. Belshaazaaris, ‘Jechoota kana dubbisuu fi hiikuu yoo dandeesse, faaya mormaa warqee irraa hojjetame siifan kenna; Baabilon keessattis nama aangoo sadaffaa qabu akka taatu nan godha’ isaan jedhe. Daaniʼelis akkana jedhe: ‘Ani kennaa kee hin barbaadu; garuu hiika jechoonni kun qaban sittan hima. Abbaan kee Nebukadnezaar nama of jaju waan tureef Yihowaan isa salphise. Atis wanta isa irra gaʼe hundumaa beekta; garuu xoofoowwan warqee mana qulqullummaa isaatii fudhatamaniin waynii dhuguudhaan Yihowaa akka tuffattu argisiisteetta. Kanaaf, Waaqayyo jechoota, Miinii, Miinii, Tiiqilii fi Faarsiin jedhan barreesse. Jechoonni kunis warri Medoonii fi warri Faares Baabiloniin akka injifatanii fi atis kana booda mootii akka hin taane argisiisu.’

Eenyu iyyuu Baabiloniin injifachuu kan dandaʼu hin fakkaatu ture. Magaalaan kun dallaa furdaa fi laga gadi fageenya qabuun eegumsi ishiidhaaf godhama ture. Haa taʼu malee, gaafuma sana halkan warri Medoonii fi warri Faares ishii weeraran. Mootii Faares kan taʼe Qiiros loltoonni isaa kallattiidhaan gara karra magaalattiitti deemuu akka dandaʼaniif lagichi gara kallattii kan biraatti akka yaaʼu godhe. Yommuu isaan achi gaʼanis karrichi banaa ture! Raayyaan waraanaa sunis gara keessaatti seenee magaalattii qabate; mootichis ni ajjeefame. Achiis Qiiros bulchaa Baabilon taʼe.

Waggaa tokko keessatti Qiiros, ‘Yihowaan Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa isaa deebisee akkan ijaaru natti himeera. Namoota isaa keessaa gargaarsa gochuu kan barbaadu kam iyyuu deemuu ni dandaʼa’ jedhee beeksise. Kanaaf, akkuma Yihowaan waadaa galee turetti, Yihudoonni hedduun erga Yerusaalem balleeffamtee waggaa 70 booda gara biyya isaaniitti deebiʼan. Qiirosis xoofoowwan warqee fi meetii, akkasumas miʼawwan Nebukadnezaar mana qulqullummaatii fudhate hunda deebisee erge. Yihowaan saba isaa gargaaruuf Qiirositti akkamitti akka fayyadame hubachuu ni dandeessaa?

“Kufteetti! Baabilon Guddittiin kufteetti; ishiin bakka jinniiwwan jiraatan taateetti.”—Mulʼata 18:2