Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 64

Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti Darbatame

Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti Darbatame

Mootiin Baabilon inni kaan Daariyos isa nama biyya Medoon ture dha. Daariyos, Daaniʼel nama adda taʼuu isaa hubateera. Kanaaf, Daaniʼeliif namoota biyyattii iddoo guddaa qaban irratti aangoo kenneef. Namoonni kunis Daaniʼelitti waan hinaafaniif, isa ajjeesuu barbaadan. Daaniʼel guyyaa hundumaa siʼa sadii gara Yihowaatti kadhannaa akka dhiheessu waan beekaniif, Daariyosiin, ‘Yaa mootii, namni hundi gara keetti qofa kadhannaa akka dhiheessu seerri ajajaa tokko baʼuu qaba. Namni seera kanaaf hin ajajamne hundi, boolla leencotaan guutame keessatti darbatamuu qaba’ jedhan. Daariyos yaada kana deggeruudhaan, seericha irratti mallatteessee raggaasise.

Daaniʼel waaʼee seera haaraa kanaa akkuma dhagaʼeen, gara mana isaa deeme. Foddaa isaa isa baname durattis, jilbeenfatee gara Yihowaa kadhannaa dhiheesse. Namoonni hinaafan sunis tasa gara mana isaa seenanii utuu inni kadhatuu isa qaban. Achiis fiiganii gara Daariyos deemuudhaan, ‘Daaniʼel siif ajajamuu dideera. Inni guyyaa hundumaa siʼa sadii gara Waaqa isaatti kadhannaa dhiheessa’ isaan jedhan. Taʼus, Daariyos Daaniʼeliin waan jaallatuuf akka inni duʼu hin barbaanne. Guyyaa guutuu karaa Daaniʼeliin oolchuuf yaalii itti godhu yaadaa oole. Haa taʼu malee, seera mootichi takkaa irratti mallatteesse innumti iyyuu jijjiiruu hin dandaʼu. Boolla leenconni sodaachisan keessa jiranitti Daaniʼeliin akka darbatan namoota isaa ajajuu qaba ture.

Gaafa sana halkan Daariyos waaʼee Daaniʼel baayʼee waan yaaddaʼeef rafuu hin dandeenye. Ganama fiigee gara boollichaa dhaquudhaan Daaniʼeliin waamee, ‘Waaqni kee si oolcheeraa?’ jedheen.

Daariyos sagalee tokko dhagaʼe. Daaniʼel ture! Innis Daariyosiin waamee, ‘Maleekaan Yihowaa afaan leencotaa cufe. Isaan matumaa na hin miine’ isaan jedhe. Daariyosis baayʼee gammade! Daaniʼel boollicha keessaa akka baafamu ajaje. Qaama isaa irra dirmammuun illee hin jiru ture. Achiis mootichi, ‘Namoota Daaniʼel gara boollichaatti akka darbatamu himatan darbadhaa’ jedhee ajaje. Namoonni sun gara boollichaatti yommuu darbataman leenconni sun lafee isaanii caccabsanii nyaatan.

Daariyos ajaja akkana jedhu namoota isaatti erge: ‘Namni hundi Waaqa Daaniʼel sodaachuu qaba. Inni Daaniʼeliin leencota irraa oolcheera.’

Atoo akkuma Daaniʼel guyyaa hunda gara Yihowaatti kadhannaa ni dhiheessitaa?

“Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu . . . beeka.”—2 Pheexiros 2:9