Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 65

Asteer Saba Ishii Oolchite

Asteer Saba Ishii Oolchite

Asteer nama lammii Yihudii taatee fi Susaan ishii magaalaa warra Faares taate keessa jiraattu turte. Nebukadnezaar maatii ishii Yerusaalemii boojuudhaan kan fudhate waggoota hedduu dura dha. Kan ishii guddise Mordekaayi isa durbii ishii taʼee fi tajaajilaa Ahashweros Mootii Faares taʼe dha.

Ahashweros Mootichi, mootuu haaraa barbaadee ture. Tajaajiltoonni isaa biyyattii keessaa Asteeriin dabalatee dubartoota hunda caalaa babbareedoo taʼan isaaf fidan. Mootichi dubartoota sana hunda keessaa Asteer mootuu akka taatu filate. Mordekaayi nama Yihudii taʼuu ishii akka hin dubbanne Asteeritti himee ture.

Namichi of tuulaan Haamaan jedhamu bulchitoota hunda irratti ajajaa ture. Inni namoonni hundi akka isaaf sagadan barbaada ture. Mordekaayi akkana gochuu waan dideef, Haamaan baayʼee aaree isa ajjeesuu barbaade. Haamaan Mordekaayi nama Yihudii taʼuu isaa yommuu beeku Yihudoota biyyicha keessatti argaman hunda ajjeesuuf karoora baafate. Mootichaan, ‘Yihudoonni hamoota dha; haxooftee isaan balleessuu qabda’ jedhe. Ahashwerosis, ‘Wanta barbaadde hunda godhi’ isaan jedhee seera tokko akka baasu aangoo isaaf kenne. Haamaan jiʼa Adaar keessa guyyaa 13⁠ffaatti seera namoonni Yihudoota hunda akka ajjeesan ajaju baase. Taʼus, Yihowaan haala kana ilaalaa ture.

Asteer waaʼee seera kanaa waan beektu hin qabdu turte. Kanaaf, Mordekaayi koppii isaa ishiidhaaf ergee, ‘Dhaqiitii mootichatti himi’ ishiidhaan jedhe. Asteer garuu akkana jette: ‘Namni utuu hin afeeramin gara mootichaatti seenu kam iyyuu ni ajjeefama. Mootichi immoo guyyoota 30f na hin afeerre! Garuu nan deema. Siiqqee isaa yoo natti qabe lubbuudhaan nan oola. Taʼuu baannaan garuu duʼuu koo ti.’

Asteer gara mooraa mootichaa deemte. Yommuu mootichi ishii ilaalu siiqqee isaa ishiitti qabe. Ishiinis gara isaa dhaqxe; innis, ‘Asteer, maal siif godhu?’ jedhee ishii gaafate. Ishiinis, ‘Atii fi Haamaan harʼa galgala afeerrii koo irratti akka naaf argamtanan barbaada’ jette. Afeerrii sana irratti immoo Asteer yeroo lammaffaatiif isaan afeerte. Afeerrii isa lammataa irratti mootichi ammas irra deebiʼee, ‘Maal akkan siif godhu barbaadda?’ jedhee ishii gaafate. Ishiinis, ‘Namni tokko anaa fi saba koo ajjeesuuf jedha. Maaloo nu oolchi’ jette. Mootichis, ‘Isin ajjeesuu kan barbaade eenyu?’ jedhee ishii gaafate. Ishiinis, ‘Haamaan isa nama hamaa taʼe kana dha’ jette. Ahashweros baayʼee waan aareef Haamaan yeruma sana akka ajjeefamu godhe.

Haa taʼu malee, eenyu illee seera Haamaan baase sana hambisuu hin dandaʼu; mootichi illee kana gochuu hin dandaʼu. Kanaaf, mootichi Mordekaayi bulchitoota irratti ajajaa akka taʼu godhe; seera haaraa akka baasuufis aangoo isaaf kenne. Mordekaayi seera Yihudoonni yommuu miidhaan isaan irratti geessifamu of irra dhowwuu akka dandaʼan heyyamu baase. Jiʼa Adaar keessa guyyaa 13⁠ffaatti Yihudoonni diinota isaanii injifatan. Yeroo sanaa jalqabee, Yihudoonni guyyaa injifannoo itti argatan kana waggaa waggaadhaan ni kabaju.

“Anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu. Achiis waaʼee koo isaaniifis taʼe namoota addunyaatiif dhugaa baʼuu dandeessu.”—Maatewos 10:18