Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 69

Gabriʼeel Maariyaam Bira Dhaqe

Gabriʼeel Maariyaam Bira Dhaqe

Elsaabex, shamarree Maariyaam jedhamtuu fi fira ishii taate magaalaa Naazireet ishii Galiilaatti argamtu keessa jiraattu tokko qabdi turte. Maariyaam namicha Yoseef jedhamuu fi anaaxii taʼe tokkoof kaadhimamtee turte. Yommuu Elsaabex ulfa jiʼa jaʼaa taatu, maleekaan Gabriʼeel jedhamu Maariyaamitti mulʼate. Innis, ‘Maariyaam, nagaan siif haa taʼu. Yihowaan guddaa sitti gammadeera’ ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu wanta Gabriʼeel jechuu barbaade hin hubanne. Achiis inni, ‘Ati ulfooftee ilma ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta. Inni Mootii ni taʼa. Mootummaan isaas bara baraaf ni jiraata’ jedhee itti hime.

Maariyaam garuu, ‘Ani durba dha. Mucaa godhachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jette. Gabriʼeelis, ‘Wanti Yihowaadhaaf hin dandaʼamne hin jiru. Hafuurri qulqulluun sirra ni buufata; mucaas ni deessa. Firri kee Elsaabexis ulfoofteetti’ ishiidhaan jedhe. Achiis Maariyaam, ‘Ani garbittii Yihowaa ti. Akkuma ati jette naaf haa taʼu’ jette.

Maariyaamis Elsaabexiin gaafachuuf gara magaalaa gaara irratti argamtu tokko deemte. Elsaabex yommuu Maariyaam nagaa ishii gaafattu, daaʼimni garaa ishii keessa jiru akka utaale ishiitti beekame. Achiis hafuura qulqulluudhaan guutamtee, ‘Yaa Maariyaam, Yihowaan si eebbiseera. Haati Gooftaa koo gara mana kootti dhufuun ishii anaaf ulfina dha’ jette. Maariyaam immoo, ‘Garaa koo guutuudhaan Yihowaa nan jajadha’ jette. Achiis Elsaabex bira jiʼa sadiif erga teessee booda gara Naazireetitti deebite.

Yoseef Maariyaam ulfa taʼuu ishii yommuu beeku ishii dhiisuu barbaade. Haa taʼu malee, maleekaan tokko abjuudhaan isatti mulʼatee, ‘Ishii fuudhuu hin sodaatin. Ishiin wanta dogoggora taʼe tokko iyyuu hin raawwanne’ isaan jedhe. Kanaaf, Yoseef Maariyaam haadha manaa isaa akka taatuuf gara mana isaatti ishee fudhate.

“Bantii waaqaa irratti, lafa irrattis . . . Waaqayyo waanuma isatti tole in hojjeta.”—Faarfannaa 135:6