Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 70

Maleekonni, Yesuus Dhalachuu Isaa Beeksisan

Maleekonni, Yesuus Dhalachuu Isaa Beeksisan

Bulchaa Bulchiinsa Roomaa kan taʼe Awugusxos Qeesaar, Yihudoonni hundi gara magaalaa dhalootaa isaanitti deebiʼanii akka galmeeffaman ajajee ture. Kanaaf, Yoseefii fi Maariyaam gara Beetaliheem ishii maatiin Yoseef keessa jiraachaa turaniitti deeman. Yeroon Maariyaam itti deessu gaʼee ture.

Yommuu isaan Beetaliheem gaʼan iddoon itti boqochuuf argatan mana horiin keessa bulu ture. Maariyaamis ilma ishii Yesuus achitti deesse. Ishiinis huccuudhaan martee bidiruu horiin keessaa nyaatan keessa suuta jettee isa ciibsite.

Naannoo Beetaliheemitti tiksitoonni hoolota isaanii eegaa ala bulan muraasni jiru turan. Akkuma tasaas maleekaan tokko isaan dura kan dhaabate siʼa taʼu, isaanis ifa ulfina Yihowaatiin marfaman. Tiksitoonni kun sodaatanii turan; maleekaan sun garuu, ‘Hin sodaatinaa. Oduu nama gammachiisun isinitti hima. Harʼa Masiihichi Beetaliheem keessatti dhalateera’ isaaniin jedhe. Bataluma sanattis maleekonni hedduun samii keessatti mulʼatanii, ‘Samii irratti Waaqayyoof ulfinni, lafa irrattis nagaan haa taʼu’ jedhan. Achiis maleekonni sun isaan biraa deeman. Tiksitoonni sun maal godhan?

Tiksitoonni sun, ‘Ammuma gara Beetaliheem haa dhaqnu’ waliin jedhan. Achiis dafanii kan deeman siʼa taʼu, Yoseefii fi Maariyaamiin daaʼima isaanii wajjin mana horiin keessa bulu sana keessatti argan.

Namni wanta maleekaan sun tiksitoota sanatti hime dhagaʼe hundi ni dinqisiifama ture. Maariyaamis jechoota maleekaan sun dubbate irratti gadi fageenyaan kan yaadde siʼa taʼu, kanas matumaa hin irraanfanne. Tiksitoonni sunis wanta arganii fi dhagaʼan hundaaf Yihowaa galateeffachaa gara hoolota isaaniitti deebiʼan.

‘Ani bakka kana kanan dhufe Waaqayyo biraa ti. Isatu na erge malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne.’—Yohaannis 8:42