Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 71

Yihowaan Yesuusiif Eegumsa Godhe

Yihowaan Yesuusiif Eegumsa Godhe

Biyya baha Israaʼelitti argamu tokko keessa, namoonni urjiileen karaa isaanitti argisiisuu akka dandaʼan amanan jiru turan. Gaaf tokko galgala, namoonni Baha Biiftuu muraasni wanta urjii ifu fakkaatuu fi samii keessa sochoʼu tokko arganii isa hordofan. “Urjiin” sunis gara Yerusaalemitti isaan qajeelche. Namoonni sun, ‘Daaʼimni mootii Yihudoota taʼu eessa jira? Nuti isaaf sagaduu dhufne’ jedhanii gaggaafachuu jalqaban.

Heroodis inni mootii Yerusaalem taʼe waaʼee mootii isa haaraa yommuu dhagaʼu baayʼee jeeqame. Innis, ‘Mootiin kun eessatti dhalata laata?’ jedhee dura buutota lubootaa gaafate. Isaanis, ‘Raajonni akka inni Beetaliheem keessatti dhalatu dubbataniiru’ jedhanii itti himan. Kanaaf, Heroodis namoota Baha Biiftuutii dhufan sana waamee, ‘Gara Beetaliheem dhaqaatii daaʼima kana barbaadaa. Achiis gara kootti deebiʼaatii eessa akka jiru natti himaa. Anis isaaf sagaduu nan barbaada’ isaaniin jedhe. Kun garuu soba ture.

“Urjiin” sun deebiʼee sochoʼuu jalqabe. Namoonni sunis duukaa buʼanii gara Beetaliheem deeman. “Urjiin” sunis mana tokkoo olitti kan dhaabate siʼa taʼu, namoonni sunis gara keessaatti ol seenan. Achittis Yesuus haadha isaa Maariyaamii wajjin argan. Isaanis mucichaaf ni sagadan; akkasumas kennaa warqee, ixaana adii fi qumbii isaaf kennan. Yesuus bira akka dhaqan namoota kana kan erge Yihowaa turee? Lakki.

Gaafa sana halkan Yihowaan abjuudhaan Yoseefiin, ‘Heroodis Yesuusiin ajjeesuu barbaada. Haadha manaa kee fi ilma kee fudhadhuu gara Gibxiitti baqadhu. Hamman ani nagaa akka taʼee fi deebiʼuu akka dandeessu sitti himutti achuma turi’ jedhe. Yoseefii fi maatiin isaas yeruma sana gara Gibxii deeman.

Yihowaan gara Heroodisitti akka hin deebine namoota Baha Biiftuu sanatti himee ture. Heroodis namoonni sun gara isaatti akka hin deebine yommuu hubatu baayʼee aare. Yesuusiin argachuu waan hin dandeenyeef, ijoolleen dhiiraa umurii Yesuus irra jiranii fi Beetaliheem keessa turan hundi akka ajjeefaman ajaje. Haa taʼu malee, Yesuus fagaatee Gibxii keessa waan jiruuf balaan irra hin geenye.

Yeroo booda Heroodis ni duʼe. Yihowaanis Yoseefiin, ‘Amma nagaa waan taʼeef deebiʼuu ni dandeessa’ isaan jedhe. Yoseef, Maariyaamii fi Yesuus gara Israaʼelitti deebiʼanii magaalaa Naazireet keessa jiraachuu jalqaban.

“Dubbiin afaan koo keessaa baʼu . . . wanta ani itti erges in raawwata.”—Isaayaas 55:11