Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 72

Yesuus Yeroo Ijoollee Turetti

Yesuus Yeroo Ijoollee Turetti

Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin dabalatee ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii wajjin Naazireet keessa jiraatu turan. Yoseef maatii isaa kan bulchu hojii anaaxii taʼee hojjetuun ture; akkasumas waaʼee Yihowaa fi Seera isaa isaan barsiisa ture. Maatichi yeroo hunda waaqeffannaadhaaf gara mana sagadaa, akkasumas waggaa waggaadhaan immoo Ayyaana Faasikaadhaaf gara Yerusaalem ni dhaqa ture.

Yommuu Yesuus umuriin isaa waggaa 12 taʼu, maatiin isaa akkuma yeroo kaanii Yerusaalem dhaquuf karaa dheeraa deeme. Magaalattiin namoota Ayyaana Faasikaa kabajuuf dhufaniin guutamtee turte. Boodas, Yoseefii fi Maariyaam, Yesuus namoota kaanii wajjin deemaa akka jiru yaaduudhaan gara mana isaaniitti deebiʼuuf karaa jalqaban. Haa taʼu malee, firoota isaanii gidduudhaa yommuu isa barbaadan isa argachuu hin dandeenye.

Achiis gara Yerusaalemitti deebiʼanii ilma isaanii guyyaa sadiif barbaadaa turan. Dhuma irrattis gara mana qulqullummaa dhaqan. Achitti Yesuus barsiisota gidduu taaʼee xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa fi gaaffiiwwan gaggaarii isaan gaafachaa ture. Barsiisonni sun Yesuusitti waan dinqisiifamaniif gaaffii isa gaafachuu jalqaban. Deebiin inni isaaniif kennes isaan dinqisiise. Inni Seera Yihowaa hubachuu akka dandaʼu ifatti arguu dandaʼaniiru.

Yoseefii fi Maariyaam baayʼee dhiphataniiru. Maariyaam, ‘Yaa ilma ko, iddoo hunda si barbaadaa turre! Eessa turte?’ isaan jette. Yesuus immoo, ‘As mana Abbaa koo keessa taʼuu akkan qabu hin beektanii?’ jedhe.

Yesuus warra isaa wajjin gara Naazireetitti deebiʼe. Yoseef hojii mukaa akkamitti hojjechuu akka dandaʼu Yesuusiin barsiiseera. Yesuus yeroo mucaa xinnoo turetti nama akkamii kan ture sitti fakkaata? Yesuus yommuu guddachaa deemu ogummaan isaa dabalaa, akkasumas Waaqaa fi namoota duratti surraa argachaa deeme.

“Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira.”—Faarfannaa 40:8