Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 73

Yohaannis Karicha Qopheesse

Yohaannis Karicha Qopheesse

Yohaannis, inni ilma Zakaariyaasii fi Elsaabex taʼe yommuu guddatu raajii taʼe. Yihowaan, Masiihichi dhufaa akka jiru namoota akka barsiisuuf Yohaannisitti fayyadame. Haa taʼu malee, Yohaannis mana sagadaatti ykn magaalaatti utuu hin taʼin lafa onaa keessaatti lallabaa ture. Namoonni Yohaannis irraa barachuuf, Yerusaalemii fi guutummaa Yihudaa keessaa dhufu turan. Namoonni kun Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaadan, wantoota gadhee raawwachuu dhiisuu akka qaban isaan barsiisa ture. Yohaannisiin erga dhaggeeffatanii booda baayʼeen isaanii yaada geddaratan; Yohaannisis Laga Yordaanositti isaan cuuphe.

Yohaannis jireenya salphaa taʼe jiraata ture. Uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffata; akkasumas hawaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture. Namoonni waaʼee Yohaannis beekuu barbaadu turan. Fariisonnii fi Saduuqonni of tuultota taʼan illee, isa ilaaluu dhufanii turan. Yohaannis akkana isaaniin jedhe: ‘Daandii keessan jijjiiruu fi yaada keessan geddarachuu qabdu. Nuti ijoollee Abrahaam waan jettaniif qofa adda akka taatan gootanii hin yaadinaa. Kun taʼuun isaa qofti ijoollee Waaqayyoo isin hin taasisu.’

Namoonni baayʼeen gara Yohaannis dhufanii, ‘Waaqayyoon gammachiisuuf maal gochuu qabna?’ jedhanii gaafatu turan. Yohaannisis, ‘Uffata lama yoo qabaattan isa tokko nama homaa hin qabneef kenna’ jedhee isaaniif deebise. Akkana kan jedhe maaliif akka taʼe beektaa? Barattoonni isaa Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaadan, namoota jaallachuu akka qaban barsiisuu waan barbaadeefi dha.

Yohaannis warra qaraxa sassaabaniin, ‘Haqaan hojjedhaa, eenyuun iyyuu hin gowwoomsinaa’ jedhe. Loltootaan immoo, ‘Mattaʼaa hin fudhatinaa ykn soba hin dubbatinaa’ jedhe.

Luboonnii fi Lewwoonnis gara Yohaannis dhufanii, ‘Ati eenyu? Namni hundi waaʼee kee beekuu barbaada’ isaan jedhan. Yohaannisis akkana isaaniin jedhe: ‘Akkuma Isaayyaas raajiidhaan dubbate, ani sagalee lafa onaa keessaa namoonni gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaru dha.’

Namoonni wanta Yohaannis isaan barsiisu ni jaallatu turan. Baayʼeen isaanii, Yohaannis ‘Masiihicha taʼinnaa laata?’ jedhanii garaa isaaniitti yaadan. Inni garuu akkana isaaniin jedhe: ‘Inni ana caalaa aangoo qabu dhufaa jira. Ani hidhaa kophee isaa illee hiikuuf gaʼumsa hin qabu. Ani bishaaniin isin cuupha, inni garuu hafuura qulqulluudhaan isin cuupha.’

“Namni kun dhugaa baʼuudhaaf, jechuunis waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuudhaaf dhufe; kunis kan taʼe akaakuun namootaa hundi karaa isaa akka amananiif ture.”—Yohaannis 1:7