Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 75

Diyaabilos Yesuusiin Qore

Diyaabilos Yesuusiin Qore

Yesuus erga cuuphamee booda, hafuurri qulqulluun gara lafa onaatti isa geesse. Guyyaa 40f homaa waan hin nyaanneef baayʼee beelaʼe. Achiis Diyaabilos isa qoruuf gara Yesuus dhufee, ‘Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji’ isaan jedhe. Yesuus garuu Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuudhaan, ‘Jiraachuuf wanti nyaata caalaa barbaachisu akka jiru barreeffameera. Wanta Yihowaan dubbatu hunda dhagaʼuu si barbaachisa’ jedhee deebiseef.

Diyaabilos itti aansee, ‘Waaqayyo maleekota isaa ergee akka si oolchan ni godha kan jedhu barreeffameera, kanaaf Ilma Waaqayyoo yoo taate mee fiixee mana qulqullummaa kana irraa gad of darbadhu’ jedhee isa qore. Yesuus garuu ammas Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuudhaan, ‘Waaqa kee Yihowaa hin qorin kan jedhu barreeffameera’ jedhee deebiiseef.

Achiis Seexanni, mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii isatti argisiisee, ‘Siʼa tokko qofa kuftee yoo na waaqeffatte mootummoota kana hundaa fi ulfina isaanii siif nan kenna’ isaan jedhe. Yesuus garuu, ‘Seexana nana, na duraa deemi! Yihowaa qofa waaqeffadhu kan jedhu barreeffameera’ jedheen.

Achiis Seexanni isa dhiisee deeme, maleekonnis dhufanii Yesuusiif nyaata kennan. Yesuus yeroo sanaa kaasee misiraachoo Mootummichaa lallabuu jalqabe. Hojiin kun hojii inni akka hojjetuuf gara lafaatti itti ergame dha. Namoonni wanta Yesuus isaan barsiisu waan jaallataniif bakka inni dhaqu hundaatti isa duukaa buʼu turan.

“[Diyaabilos] sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef, soba yommuu dubbatu ofii isaa keessaa baasee dubbata.”—Yohaannis 8:44