Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 76

Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleesse

Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleesse

Yesuus Dh.K.B. bara 30 yeroo birraatti gara Yerusaalem dhaqe. Namoonni hedduunis Ayyaana Faasikaatiif gara magaalattii dhufanii turan. Ayyaanicha kabajuuf mana qulqullummaa keessatti aarsaa dhiheessuu jalqaban. Warri tokko tokko horii fudhatanii kan dhufan siʼa taʼu, warri kaan garuu Yerusaalemii bitu turan.

Yesuus gara mana qulqullummaa yommuu dhufu, namoonni achi keessatti horii yeroo gurguran arge. Qarshii argachuuf mana waaqeffannaa Yihowaa keessatti daldalu turan! Yesuus tarkaanfii akkamii fudhate ree? Funyoo irraa qaccee dhaʼatee hoolotaa fi loon isaanii mana qulqullummaa keessaa ariʼe. Saantima warra qarshii jijjiiranii lafatti bittinneesse, minjaala isaaniis ni gaggaragalche. Yesuus warra gugee gurguraniin akkana jedhe: “Wantoota kana asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa gochuu keessan dhiisaa!”

Namoonni mana qulqullummaa keessa turan wanta Yesuus godhe ni dinqisiifatan. Barattoonni isaa raajii, “Hinaaffaan mana keetii na guba” jedhuu fi Masiihicha ilaalchisee dubbatame yaadatan.

Boodas, Yesuus Dh.K.B. bara 33⁠tti yeroo lammataatiif mana qulqullummaa qulqulleesse. Namoota mana Abbaa isaatiif ulfina hin kennine irratti tarkaanfii fudhateera.

“Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan.”—Luqaas 16:13