Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 78

Yesuus Ergaa Mootummichaa Lallabe

Yesuus Ergaa Mootummichaa Lallabe

Yesuus akkuma cuuphameen, ‘Mootummaan Waaqayyoo dhihaateera’ jedhee lallabuu jalqabe. Yommuu inni gara naannoo Galiilaa fi Yihudaa dhaqu barattoonni isaas isaa wajjin deeman. Yesuus bakka dhalootaa isaa Naazireetitti yommuu deebiʼu, gara mana sagadaa dhaqee, sagalee isaa guddisee maraa kitaaba Isaayaas banee, ‘Yihowaan hafuura isaa naa kenneera, kanaaf misiraachicha nan lallaba’ jedhu dubbise. Kana jechuun maal jechuu dha? Namoonni Yesuus yommuu dinqii raawwatu arguu kan barbaadan taʼus, sababii guddaan Yesuusiif hafuurri qulqulluun itti kenname misiraachicha lallabuu akka taʼe argisiisa. Achiis, ‘Raajiin kun harʼa raawwatame’ jedhee dhaggeeffattoota isaatti dubbate.

Itti aansuudhaan, Yesuus Galaana Galiilaa isa bakka barattoota isaa warra qurxummii qaban arfan itti argate dhaqe. “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan taasisa” jedhee isaan afeere. Isaanis, Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis turan. Namoonni kun yeruma sana qurxummii qabuu isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan. Guutummaa biyya Galiilaa keessa naannaʼanii waaʼee Mootummaa Yihowaa lallabuu jalqaban. Mana sagadaa keessatti, bakka gabaa fi karaa irratti lallaban. Bakka isaan deeman hundaatti namoota hedduutu isaan duukaa buʼa ture. Oduun waaʼee Yesuus dubbatamu bakka hundatti, darbees hanga Sooriyaatti illee babalʼatee ture.

Yesuus yeroo booda, barattoota isaa tokko tokkoof humna namoota fayyisuu fi jinniiwwan baasuuf dandeessisu isaaniif kenneera. Warri kaan immoo yommuu inni magaalaatii gara magaalaatti, akkasumas gandaa gara gandatti lallabu isaa wajjin deemu turan. Maariyaam ishii Magdalaa, Yoʼaanaa fi Susaanaa dabalatee, dubartoonni hedduun Yesuusii fi barattoota isaa gargaaraa turan.

Yesuus barattoota isaa erga leenjisee booda akka lallabaniif isaan erge. Guutummaa Galiilaa keessa yommuu deeman, namoonni hedduun kaanis barattoota taʼuudhaan cuuphaman. Namoonni hedduun barattoota taʼuu waan barbaadaniif, Yesuus namoota kana midhaan sassaabamuu gaʼee wajjin wal fakkeesseera. Akkana jedhe: ‘Yihowaan hojjettoota dabalataa gara makarichaatti akka erguuf kadhadhaa.’ Yeroo booda barattoota isaa keessaa namoota 70 filatee, guutummaa Yihudaatti akka lallabaniif lama lama godhee isaan erge. Isaanis namoota akaakuu gara garaa qaban hundaa waaʼee Mootummichaa barsiisan. Barattoonni yommuu deebiʼan, wanta isaan mudate Yesuusitti himuuf baayʼee hawwanii turan. Diyaabilos hojii lallabaa dhaabsisuu hin dandeenye.

Yesuus barattoonni isaa hojii barbaachisaa kana erga inni gara samiitti deebiʼee boodas akka itti fufan mirkanaaʼaa ture. Akkana isaaniin jedhe: ‘Misiraachicha guutummaa biyya lafaatti lallabaa. Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisaa, isaan cuuphaas.’

“Ani kanaaf waanan ergameef, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba.”—Luqaas 4:43