Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 82

Yesuus Akkamitti Akka Kadhatan Barattoota Isaa Barsiise

Yesuus Akkamitti Akka Kadhatan Barattoota Isaa Barsiise

Fariisonni wanta hunda xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuuf jedhanii raawwatu turan. Gaarummaa kan argisiisan namoonni kaan akka isaaniif ilaalan gochuuf ture. Namoonni hundi akka isaan ilaalaniif bakka namoonni hedduun argamanitti kadhannaa dhiheessu turan. Fariisonni warri kaan akka isaan dhaggeeffataniif jecha, kadhannaawwan dhedheeroo sammuutti qabataman manneen sagadaa fi qarqara karaa irratti irra deddeebiʼanii kadhatu turan. Kanaaf, namoonni yommuu Yesuus akkana isaaniin jedhu dinqisiifatanii turan: ‘Akka Fariisotaatti hin kadhatinaa. Waaqayyo jechoota baayʼee isaan itti fayyadaman kan ajaaʼibsiifatu isaanitti fakkaata ture, inni garuu hin ajaaʼibsiifatu. Kadhannaan wanta isinii fi Yihowaa gidduutti raawwatamu dha. Waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa. Yihowaan wanta dhugumaan isinitti dhagaʼamu akka isatti dubbattan barbaada.

‘Kadhachuu kan qabdan akkasitti dha: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis haa taʼu.”’ Kan malees, Yesuus nyaata guyyaadhaaf isaan barbaachisuuf, cubbuun isaanii akka isaaniif dhiifamuu fi waaʼee wantoota dhuunfaa kaanii kadhachuu akka qabanis isaanitti himeera.

Yesuus akkana jedhe: ‘Matumaa kadhachuu hin dhaabinaa. Abbaan keessaan Yihowaan, wanta gaarii akka godhu gaafachuu keessan itti fufaa. Warri hundi ijoollee isaaniitiif wanta gaarii kennuu barbaadu. Ilmi keessan daabboo utuu isin gaafatee, dhagaa isaaf kennituu? Qurxummii utuu isin gaafatee hoo, bofa isaaf kennituu?’

Achiis Yesuus akkas jechuudhaan barumsicha ibse: ‘Isin ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan Yihowaan caalchisee hafuura qulqulluu isiniif hin kennu ree? Wanti gochuu qabdan gaafachuu qofa dha.’ Maarree isin gorsa Yesuus ni hordoftuu? Waaʼee wantoota akkamii kadhattu?

“Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa isiniif ni banama.”—Maatewos 7:7