Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 86

Yesuus Alaazaariin Duʼaa Kaase

Yesuus Alaazaariin Duʼaa Kaase

Yesuus michoota baayʼee isatti dhihaatanii fi Bitaaniyaa keessa jiraatan sadii qaba ture. Isaanis, Alaazaarii fi obboleettota isaa lamaan Maariyaamii fi Maartaa dha. Gaaf tokko, Yesuus Yordaanos gama utuu jiruu Maariyaamii fi Maartaan ergaa ariifachiisaa, ‘Alaazaar baayʼee dhukkubsateera. Maaloo dafii kottu!’ jedhu isatti dhaaman. Haa taʼu malee, Yesuus yeruma sana hin deemne. Guyyaa lamaaf bakkuma jiru sana erga turee booda barattoota isaatiin akkana jedhe: ‘Kottaa gara Bitaaniyaa dhaqnaa. Alaazaar rafaa jira, anis isa dammaqsuun dhaqa.’ Ergamoonnis, ‘Alaazaar rafaa jira taanaan ni fayya’ jedhan. Kanaaf, ‘Alaazaar duʼeera’ jedhee ifatti isaanitti hime.

Yesuus Bitaaniyaa yommuu gaʼu Alaazaar erga awwaalamee guyyaa afur taʼeera. Namoonni hedduun Maartaa fi Maariyaamiin jajjabeessuuf dhufanii turan. Maartaan Yesuus akka dhufe yommuu dhageessu isa simachuuf daftee gara isaa dhaqxe. Achiis akkana jette: “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture.” Yesuusis, ‘Obboleessi kee ni kaʼa. Maartaa kana ni amantaa?’ jedhee ishii gaafate. Ishiinis, ‘Yeroo duʼaa kaʼuutti akka inni kaʼu beeka’ jettee deebisteef. Yesuusis, “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana” ishiidhaan jedhe.

Achiis Maartaan gara Maariyaam dhaqxee, ‘Yesuus dhufeera’ jette. Maariyaam ariitiidhaan gara Yesuus yommuu dhaqxu, namoonni baayʼeenis ishii duukaa buʼan. Achiis miilla isaa irratti kuftee booʼuu ishii itti fufte. Akkana isaan jette: ‘Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture!’ Yesuus hangam akka ishiin dhiphatte yommuu argu, innis booʼuu jalqabe. Namoonni achi turan imimmaan isaa yommuu argan, ‘Yesuus Alaazaariin akkam akka isa jaallatu ni argituu?’ jedhan. Warri tokko tokko garuu, ‘Namni kun michuun isaa akka hin duune gochuu hin dandaʼu turee?’ jedhanii gaafatan. Yesuus itti aansee maal godhe ree?

Yesuus gara awwaalichaa yommuu dhaqu, awwaalichis dhagaa guddaadhaan cufamee ture. Yesuus, ‘Dhagicha irraa kaasaa’ jedhe. Maartaan akkana jette: ‘Amma guyyaa afur waan taʼeef yoona foolii godhateera.’ Kanaaf, yommuu isaan dhagicha irraa kaasan, Yesuus akkana jedhee kadhate: ‘Yaa Abbaa, waan na dhageesseef sin galateeffadha. Dhugaa dha, ati yeroo hunda akka na dhageessu beeka; haa taʼu malee, namoonni as dhaabatan ati akka ana ergite akka beekaniif jecha sagalee koo ol kaasee dubbadha.’ Achiis, sagalee guddaadhaan, “Alaazaar, as baʼi!” jedhee waame. Wanti ajaaʼibsiisaan ni raawwatame: Alaazaar akkuma huccuudhaan marametti awwaala keessaa baʼe. Yommus Yesuus, “Isa irraa hiikaa haa deemu” jedhe.

Namoota kana argan keessaa baayʼeen isaanii Yesuusitti amanan. Isaan keessaa tokko tokko garuu gara Fariisotaa dhaqanii wanta kana isaanitti himan. Fariisonni yeroo sanaa jalqabee, Alaazaarii fi Yesuusiin ajjeesuu barbaadu turan. Ergamoota 12n keessaa tokko kan taʼe Yihudaa Asqorotuun, dhokatee gara Fariisotaa dhaquudhaan, ‘Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne meeqa naa kaffaltu?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis saantima meetii 30 isaaf kennuuf walii galan; kanaaf Yihudaan Yesuusiin harka Fariisotaatti dabarsee kennuuf yeroo mijataa barbaaduu jalqabe.

“Waaqayyo keenya Waaqayyo isa fayyisuu dha, Waaqayyo gooftaan du’a jalaa baasuufis karaa qaba.”—Faarfannaa 68:20