Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 87

Irbaata Yesuus Yeroo Dhumaatiif Irratti Argame

Irbaata Yesuus Yeroo Dhumaatiif Irratti Argame

Yihudoonni waggaa waggaadhaan jiʼa Niisaan guyyaa 14⁠ffaatti Ayyaana Faasikaa kabaju. Guyyaan kun, Yihowaan garbummaa Gibxii jalaa isaan baasee Biyyattii Abdachiifamtetti kan isaan galche akkamitti akka taʼe isaan yaadachiisa. Dh.K.B. bara 33⁠tti, Yesuusii fi ergamoonni isaa kutaa fooqii irra jiruu fi Yerusaalemitti argamu tokko keessatti Ayyaana Faasikaa kabajaa turan. Irbaata nyaatanii erga xumuranii booda, Yesuus, ‘Isin keessaa tokko dabarsee na kenna’ jedhe. Ergamoonni baayʼee naʼanii, ‘Eenyu inni?’ jedhanii Yesuusiin gaafatan. Yesuusis, ‘Isa ani daabboo kana isaaf kennu dha’ jedhee deebiseef. Achiis, daabboo cabaa tokko Yihudaa Asqorotuuf kenne. Yihudaanis yeruma sana kutaa sana keessaa baʼee deeme.

Achiis, Yesuus kadhannaa erga dhiheessee booda, maxinoo sana caccabsee, ergamoota isaa warra hafaniif kenne. Akkana jedhe: ‘Maxinoo kana nyaadhaa. Kun foon koo isa ani isiniif kennu argisiisa.’ Achiis xoofoo wayinii fuudhee erga galateeffatee booda ergamoota isaatiif kenne. Akkana jedhe: ‘Wayinii kana dhugaa. Kun dhiiga koo isa ani dhiifama cubbuutiif kennu argisiisa. Samii irratti anaa wajjin mootota akka taatan waadaan isiniif gala. Kana waggaa waggaatti yaadannoo kootiif godhaa.’ Galgala sanaa jalqabee hanga ammaatti duuka buutonni Yesuus ayyaana kana kabajuuf waggaa waggaadhaan walitti qabamu. Walgaʼiin kun yeroo ammaatti Irbaata Gooftaa jedhamee waamama.

Ergamoonni irbaata sana erga nyaatanii booda, isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmuu jalqaban. Yesuus akkana isaaniin jedhe: ‘Inni isin gidduutti hunda caalu, akka isa quxisuu hundumaatti of ilaalu dha.

‘Isin michoota koo ti. Wanta Abbaan koo akka ani isinitti himu barbaadu hunda isinitti himeera. Yeroo dhihootti gara samii gara Abbaa koon dhaqa. Isin asuma turtu, jaalala yoo waliif qabaattan namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku. Akkuma ani isin jaalladhe isinis wal jaallachuu qabdu.’

Dhuma irrattis, Yesuus, Yihowaan barattoota hundaaf eegumsa akka godhu kadhannaa dhiheesse. Nagaadhaan walii wajjin akka hojjetan Yihowaan akka isaan gargaaru kadhate. Maqaan Yihowaa qulqulluu taʼee akka eegamu kadhate. Achiis, Yesuusii fi ergamoonni isaa faarfannaadhaan Yihowaa erga galateeffatanii booda ni deeman. Yeroon Yesuus itti dabarfamee kennamu dhihaachaa ture.

“Isin tuuta xinnoo nana, Abbaan keessan Mootummaa isiniif kennuu waan jaallateef hin sodaatinaa.”—Luqaas 12:32