Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 88

Yesuus ni Qabame

Yesuus ni Qabame

Yesuusii fi ergamoonni isaa Sulula Qedroon keessa baʼanii gara Gaara Ejersaa dhaqaa jiru. Yeroon isaa halkan walakkaa booda yommuu taʼu addeessi guutuu turte. Yommuu bakka ashaakiltii Getesemaanee jedhamu gaʼan Yesuus, “Asuma turaatii . . . dammaqaa eegaa” isaaniin jedhe. Achiis, Yesuus bakka ashaakiltii sana keessa xinnoo gara fuulduraatti siqee jilbeenfate. Dhiphina guddaadhaan, ‘Fedhiin kee haa taʼu’ jedhee gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Achiis Yihowaan, Yesuusiin akka jajjabeessuuf maleekaa tokko isaaf erge. Yesuus gara ergamoota isaatti yommuu deebiʼu sadan isaanii rafanii turan. Akkas isaaniin jedhe: ‘Kaʼaa! Yeroon kun yeroo itti rafan miti! Saʼaatiin ani harka diinota kootti itti dabarfamee kennamu gaʼeera.’

Yihudaanis yeruma sana namoota hedduu goraadee fi ulee qabatan dura buʼee dhufe. Yeroo baayʼee bakka ashaakiltii kana waan dhufaniif Yihudaan Yesuusiin eessatti argachuu akka dandaʼu beeka ture. Yihudaan, Yesuusiin loltoota sanatti akka argisiisu himee ture. Achiis kallattiidhaan gara Yesuus dhaqee, ‘Barsiisaa, nagaan siif haa taʼu’ erga jedhee booda isa dhungate. Yesuusis, ‘Yihudaa, dhungachuudhaan dabarsitee na kennitaa?’ jedhe.

Yesuusis gara namoota sanaatti deemee, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus isa nama Naazireet barbaanna” jedhanii deebisaniif. Achiis, “Ana dha” jedhee yommuu isaaniif deebisu gara duubaatti deebiʼanii lafa irratti kukkufan. Ammas Yesuus, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus isa nama Naazireet barbaanna” jedhanii deebisaniif. Yesuus immoo, ‘Ana dha isiniin jedheeraam. Isaan kun haa deemanii dhiisaa’ isaaniin jedhe.

Pheexiros wanta taʼaa jiru yommuu hubatu, goraadee isaa luqqifatee gurra mirgaa garbicha luba ol aanaa Maalkos jedhamu rukutee irraa kute. Yesuus garuu gurra namichaa qaqqabee fayyise. Achiis Pheexirosiin, ‘Goraadee kee iddoo isaatti deebisi. Goraadee keetiin yoo nama lolte goraadeedhaan ajjeefamta.’ Loltoonni sunis Yesuusiin qabanii harka isaa hidhan, ergamoonni garuu isa dhiisanii baqatan. Achiis gara Haannaas isa dura buʼaa lubootaatti isa geessan. Haannaas, Yesuusiin gaaffii hedduu erga gaafatee booda, gara mana Qayyaafaa isa Luba Ol Aanaa taʼetti isa erge. Haa taʼu malee, ergamoonni sana booda maal taʼan?

“Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.”—Yohaannis 16:33