Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 89

Pheexiros Yesuusiin Gane

Pheexiros Yesuusiin Gane

Yesuus kutaa fooqii irra jiru keessa yommuu ergamoota isaa wajjin turetti, ‘Halkan kana hundi keessan na dhiistanii baqattu’ jedhee ture. Pheexiros garuu, ‘Warri kaan yoo si dhiisan iyyuu ani matumaa si hin dhiisu’ jedhe. Yesuus garuu Pheexirosiin, ‘Kormaan indaanqoo iyyuu isaa dura siʼa sadii na ganta’ jedhe.

Loltoonni sun Yesuusiin mana Qayyaafaatti yommuu geessan ergamoota isaa keessaa baayʼeen isaanii ni baqatan. Isaan keessa lama garuu namoota kaanitti makamanii Yesuusiin hordofan. Isaan keessaa tokko Pheexiros ture. Hanga mooraa mana Qayyaafaatti deeme ibidda qaqqaammachuu jalqabe. Tajaajiltuun tokko ifa ibiddichaatiin Pheexirosiin argitee, ‘Ani si beeka! Ati Yesuusii wajjin turte!’ isaan jette.

Pheexirosis deebisee, ‘Lakki, ani isaa wajjin hin turre! Wanta ati dubbachaa jirtu hin beeku!’ jedhe. Achiis gara balbalaatti deeme. Haa taʼu malee, yeruma sana tajaajiltuun kan biraan tokko isa argitee namoota sanaan, ‘Namichi kun Yesuusii wajjin ture!’ jette. Pheexiros immoo, ‘Ani Yesuusiin iyyuu hin beeku!’ jedhe. Namichi tokkos akkana isaan jedhe: ‘Ati isaan keessaa tokko dha. Akkaataan ati itti dubbattu iyyuu atis akkuma Yesuus nama Galiilaa taʼuu kee si saaxila.’ Pheexiros garuu, ‘Ani isa hin beeku!’ jedhee kakachuu jalqabe.

Battaluma sanattis kormaan indaanqoo ni iyye. Yeroo kanatti Pheexiros Yesuus garagalee yommuu isa ilaalu arge. Wanta Yesuus isatti dubbatee ture yaadatee, gad baʼe hirqinfatee booʼe.

Yeroo kanatti, miseensonni yaaʼii Saanhediriin Yesuusiin qoruuf mana Qayyaafaatti walitti qabamanii turan. Yesuusiin ajjeesuuf dursanii kan murteessaan siʼa taʼu, amma ragaa kanaaf taʼu barbaadaa jiru. Haa taʼu malee, ragaa tokko illee argachuu hin dandeenye. Xumura irratti, Qayyaafaan kallattiidhaan, ‘Ati Ilma Waaqayyoo tii?’ jedhee Yesuusiin gaafate. Yesuusis, ‘Eeyyee’ jedhee deebiseef. Qayyaafaan immoo, ‘Ragaan dabalataa nu hin barbaachisu. Kun Waaqayyoon arrabsuu dha!’ jedhe. Manni murtichaas, ‘Namichi kun duʼuu qaba’ jedhee walii gale. Achiis Yesuusiin kakkabalaa, itti tufaa fi fuula isaatti haguuganii isa rukutaa, ‘Ati raajii yoo taate eenyu akka si rukute nutti himi!’ isaan jedhan.

Yommuu bariʼus, gara galma Saanhediriinitti isa geessanii ammas, ‘Ati Ilma Waaqayyoo tii?’ jedhanii isa gaafatan. Yesuusis, ‘Ani akkan taʼe isinumti iyyuu dubbachaa jirtu’ jedhee deebise. Achiis Waaqayyoon akka arrabsetti waan himatameef, gara masaraa bulchaa warra Roomaa Phonxos Philaaxositti isa geessan. Sana booda maaltu taʼe? Mee haa ilaallu.

“Saʼaatiin hundi keessan kophaatti na dhiistanii gara mana mana keessaniitti itti faffacaatan . . . ga’eera. Taʼus Abbaan anaa wajjin waan jiruuf, ani kophaa koo miti.”—Yohaannis 16:32