Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 90

Yesuus Golgootaatti Duʼe

Yesuus Golgootaatti Duʼe

Dura buutonni lubootaa Yesuusiin mana mootummaa bulchaa biyyichaatti isa geessan. Philaaxos, ‘Namicha kana irratti himata maalii dhiheessitu?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis, ‘Ani mootii dha ofiin jedha!’ jedhanii deebisaniif. Philaaxos, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee Yesuusiin gaafate. Yesuusis “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jedhee deebise.

Achiis Philaaxos himanni isa irratti dhihaate dhugaa taʼuuf dhiisuu isaa akka mirkaneessuuf Yesuusiin gara Herodis isa bulchaa Galiilaa taʼetti erge. Herodis garuu balleessaa tokko illee waan isa irratti hin arganneef gara Philaaxositti isa deebise. Achiis Philaaxos sabichaan, ‘Anis taʼe Herodis namicha kana irratti balleessaa tokko illee hin arganne. Kanaaf isan hiika’ jedhe. Namoonni sun garuu, ‘Isa ajjeesi! Isa ajjeesi!’ jedhanii iyyan. Loltoonni Yesuusiin alangeedhaan garafan, itti tufan, akkasumas isa reeban. Gonfoo qoraattii irraa hojjetame mataa isaa irra kaaʼanii, ‘Yaa mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu’ jedhanii isatti gaʼisuu jalqaban.’ Philaaxos, ‘Ani namicha kana irratti balleessaa tokko illee hin argine’ jedhe. Sabichi garuu, “Isa fannisi!” jedhanii iyyuu isaanii itti fufan. Kanaaf, Philaaxos Yesuus akka ajjeefamuuf dabarsee isaanitti kenne.

Achiis Yesuusiin fuudhanii iddoo Golgootaa jedhamutti geessanii mismaaraan muka irratti rukutanii ol kaasanii dhaaban. Yesuus akkana jedhee kadhate: “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama godhiif.” Namoonni garuu, ‘Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate mee muka itti fannifamte kana irraa buʼii of oolchi!’ jedhanii itti qoosu turan.

Yakkamtoota isa maddiitti fannifaman keessaa inni tokko Yesuusiin, “Yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedhe. Yesuusis, “Anaa wajjin Jannata keessa taata” jedhee waadaa isaaf gale. Waaree booda, saʼaatii sadiif guutummaan biyyichaa ni duukkanaaʼe. Maariyaam haadha Yesuus dabalatee barattoonni tokko tokko muka Yesuus itti fannifametti dhihoo dhaabatu turan. Yesuus, Yohaannis Maariyaamiin akkuma haadha isaatti akka kunuunsu itti hime.

Dhuma irrattis Yesuus, “Ni raawwatame!” jedhe. Achiis mataa isaa gadi qabee ni duʼe. Yeruma sanatti kirkirri lafaa guddaan ni taʼe. Golgaan mana qulqullummaa keessa jiru inni iddoo Qulqullaaʼaa fi iddoo Hunda Caalaa Qulqullaaʼaa gidduu jiru bakka lamatti tarsaʼe. Ajajaan loltootaa tokko, ‘Dhuguma iyyuu inni Ilma Waaqayyoo ture’ jedhe.

“Abdiiwwan Waaqayyo kenne hammam iyyuu baayʼee yoo taʼan, karaa isaa ‘eeyyee’ taʼaniiru.”—2 Qorontos 1:20