Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 91

Yesuus Duʼaa Kaafame

Yesuus Duʼaa Kaafame

Yesuus erga duʼee booda, namichi sooressi Yoseef jedhamu tokko reeffi Yesuus muka irraa buufamee akka isaaf kennamu Philaaxosiin gaafate. Yoseef reeffa Yesuus urgooftuu itti godhee huccuu quncee talbaa irra hojjetameen erga kafanee booda awwaala haaraa keessa kaaʼe. Achiis balbala awwaalichaa dhagaa guddaa tokkoon cufe. Dura buutonni lubootaa Philaaxosiin akkana jedhan: ‘Barattoonni Yesuus reeffa isaa achi keessaa fudhatanii inni duʼaa kaʼeera jedhanii odeessu jennee sodaanna.’ Kanaaf Philaaxos, ‘Awwaalicha irratti chaappaa godhaatii eegsisaa’ isaaniin jedhe.

Guyyaa sadii booda, ganama barii dubartoonni muraasni gara awwaalichaa yommuu dhaqan dhagaan balbala awwaalichaa irra ture irraa kaafamee argan. Awwaalicha keessaa maleekaan tokko dubartoota sanaan akkana jedhe: ‘Hin sodaatinaa. Yesuus duʼaa kaafameera. Dhaqaatii, Galiilaatti isa argitu jedhaatii barattoota isaatti himaa.’

Maariyaam Magdalaan, Pheexirosii fi Yohaannisiin barbaacha fiigdee deemte. Achiis, ‘Namni taʼe tokko reeffa Yesuus fudhateera!’ jettee isaanitti himte. Pheexirosii fi Yohaannisis gara awwaalichaatti fiigan. Awwaalichi duwwaa taʼuu isaa yommuu argan, gara mana isaanitti deebiʼan.

Maariyaam gara awwaalichaatti yommuu deebitu awwaalicha keessatti maleekota lama argitee, ‘Gooftaa koo eessa akka isa kaaʼan hin beeku’ isaaniin jette. Achiis nama tokko argitee inni nama ashaakiltii kunuunsu waan ishiitti fakkaateef, ‘Yaa gooftaa, maaloo eessa akka isa keessee natti himi’ isaan jette. Haa taʼu malee, namichi sun “Maariyaam!” jedhee yommuu ishii waamu, inni Yesuus taʼuu isaa hubatte. ‘Barsiisaa!’ jettee sagalee guddaadhaan erga iyyitee booda isa qabde. Yesuus, ‘Gara obboloota koo dhaqii akka na argite isaanitti himi’ jedheen. Maariyaamis yeruma sana fiigdee deemtee Yesuusiin akka argite barattootatti himte.

Guyyuma sana gara boodaa, barattoonni lama Yerusaalemii gara Emaahus deemaa turan. Achiis namichi tokko isaaniitti makamee wanti isaan walii wajjin dubbachaa deeman maal akka taʼe isaan gaafate. Isaanis akkana isaan jedhan, ‘Maali hin dhageenye moo? Dura buutonni lubootaa guyyaa sadii dura Yesuusiin ajjeesanii turan. Ammaa immoo dubartoonni tokko tokko inni duʼaa kaafameera jechaa jiru!’ Namichis akkana jedhee isaan gaafate: ‘Wanta raajonni dubbatan hin amantanii? Isaan Kiristoos akka duʼuu fi duʼaa akka kaafamu dubbataniiru.’ Achiis, Kitaaba Qulqulluu isaaniif ibsuu isaa itti fufe. Yommuu Emaahus gaʼan barattoonni kun inni akka isaan bira bulu isa gaafatan. Irbaata irratti kadhannaa yommuu dhiheessu inni Yesuus taʼuu isaa hubatan. Achiis isaan jalaa dhokate.

Barattoonni kun ariitiidhaan gara mana Yerusaalemitti argamuu fi ergamoonni itti walitti qaban dhaqanii wanta raawwatame isaanitti himan. Utuu isaan manicha keessa jiraniis Yesuus hunda isaaniiti mulʼate. Jalqaba irratti ergamoonni namni kun Yesuus taʼuu isaa amanuun isaanitti ulfaatee ture. Achiis Yesuus akkana isaaniin jedhe: ‘Harka koo ilaalaa, qaqqabaatii na ilaalaa. Kiristoos duʼaa akka kaafamu barreeffameera.’

“Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 14:6