Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 93

Yesuus Gara Samiitti Ol Deebiʼe

Yesuus Gara Samiitti Ol Deebiʼe

Yesuus duuka buutota isaa wajjin Galiilaatti wal arge. Qajeelfama baayʼee barbaachisa taʼe kana isaaniif kenne: ‘Dhaqaatii saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa. Wanta ani isin barsiise hunda isaan barsiisuudhaan isaan cuuphaa.’ Achiis, ‘Ani yeroo hunda akkan isinii wajjin jiru yaadadhaa’ jedhee waadaa isaaniif gale.

Yesuus erga duʼaa kaafamee booda guyyoota 40f Galiilaa fi Yerusaalemitti barattoota isaa dhibbaan lakkaaʼamanitti mulʼate. Barumsa barbaachisaa taʼe isaan barsiiseera; akkasumas dinqiiwwan hedduu raawwateera. Achiis Yesuus yeroo dhumaatiif ergamoota isaa wajjin Gaara Ejersaa irratti wal arge. Akkana isaaniin jedhe: ‘Yerusaalem keessaa hin baʼinaa. Abdii Abbaan kenne eeggachuu keessan itti fufaa.’

Ergamoonni isaa garuu wanta inni isaaniin jedhe hin hubanne turan. Akkana jedhanii isa gaafatan: ‘Ati Mootii Israaʼel taʼuuf jettaa?’ Yesuus akkana jedhee isaaniif deebise: ‘Yeroon kun yeroo Yihowaan akka ani Mootii taʼuuf murteesse miti. Isin dhiheenyatti hafuura qulqulluu irraa humna ni argattu, dhugaa baatota koos ni taatu. Dhaqaa, Yerusaalemitti, Yihudaatti, Samaariyaattii fi hanga andaara lafaatti lallabaa.’

Achiis, Yesuus gara samiitti kan ol fudhatame siʼa taʼu, duumessis isa dhokse. Barattoonni isaa ol ilaaluu isaanii kan itti fufan taʼus, inni garuu deemeera.

Barattoonni Gaara Ejersaa irraa gara Yerusaalemitti deebiʼan. Isaan kutaa fooqii irra jiru tokko keessatti yeroo hunda walgaʼii godhu, akkasumas kadhannaa dhiheessu turan. Yesuus qajeelfama dabalataa akka isaaniif kennu eeggachaa turan.

“Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoon Mootummaa kun guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”—Maatewos 24:14