Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 94

Barattoonni Hafuura Qulqulluu Argatan

Barattoonni Hafuura Qulqulluu Argatan

Yesuus gara samiitti deebiʼee guyyaa kudhan booda, barattoonni isaa hafuura qulqulluu argatan. Dhaloota Kiristoos booda bara 33⁠tti namoonni Ayyaana Phenxeqosxee kabajuuf iddoo baayʼeedhaa gara Yerusaalem dhufanii turan. Barattoonni Yesuus gara 120 taʼan kutaa fooqii tokko keessatti walitti qabamanii turan. Akkuma tasaa, wanti nama ajaaʼibsiisu tokko ni raawwatame. Wanti arraba ibiddaa fakkaatu tokkos mataa tokkoo tokkoon barattootaa irratti mulʼate; hundi isaaniis qooqa gara garaa dubbachuu jalqaban. Sagalee guddaan akka qilleensa jabaa bubbisu tokko manicha guute.

Namoonni biyya kan biraa irraa gara Yerusaalem dhufan, sagalee kana dhagaʼanii maaltu taʼaa akka jiru ilaaluuf gara manichaatti fiigan. Barattoonni kun qooqa isaaniitiin yommuu dubbatan waan dhagaʼaniif ni dinqisiifatan. Akkanas jedhan: ‘Namoonni kun namoota Galiilaa ti. Attamitti qooqa keenyaan dubbachuu dandaʼan?’

Achiis, Pheexirosii fi ergamoonni kan biraan namoota sana fuuldura dhaabatan. Pheexirosis, Yesuus akkamitti akka ajjeefamee fi Yihowaan akkamitti duʼaa akka isa kaase namoota sanatti hime. Pheexiros akkana jedhe: ‘Yesuus amma samii irratti mirga Waaqayyootti argama; hafuura qulqulluu isa abdachiifame sanas dhangalaaseera. Dinqiiwwan kana kan argitanii fi kan dhageessanis kanaafi dha.’

Namoonni sunis wanti Pheexiros dubbate garaa isaanii baayʼee waan tuqeef, “Amma maal gochuu qabna ree?” jedhanii gaafatan. Innis akkana isaaniin jedhe: ‘Yaada geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf maqaa Yesuusiin cuuphamaa. Kennaa hafuura qulqulluus ni fudhattu.’ Gaafa sana namoonni gara 3,000 taʼan ni cuuphaman. Yeroo sanaa jalqabee lakkoofsi barattootaa Yerusaalem keessatti argamu saffisaan dabalaa deeme. Ergamoonni wanta Yesuus barsiise hunda barattoota barsiisuu akka dandaʼaniif, gargaarsa hafuura qulqulluutiin gumiiwwan dabalataa hundeessan.

“Yesuus Gooftaa akka taʼe afaan keetiin ifatti yoo lallabde, akkasumas Waaqayyo duʼaa akka isa kaase garaa keetti yoo amante ni fayyita.”—Roomaa 10:9