Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 95

Eenyu Iyyuu Isaan Dhaabsisuu hin Dandeenye

Eenyu Iyyuu Isaan Dhaabsisuu hin Dandeenye

Namni deemuu hin dandeenye tokko yeroo hunda balbala mana qulqullummaa dura taaʼee kadhata ture. Gaaf tokko waaree booda, Pheexirosii fi Yohaannis mana qulqullummaa utuu dhaqanii isaan arge. Achiis, ‘Maaloo waa naa kenna’ jedhee isaan kadhate. Pheexirosis, ‘Wanta qarshii irra caaluun siif kenna. Maqaa Yesuusiin kaʼiitii deemi!’ isaan jedhe. Achiis Pheexiros qabee ol isa kaase, namichis deemuu jalqabe! Namoonni achi turanis dinqii kana yommuu argan, baayʼee waan gammadaniif hedduun isaanii amantoota taʼan.

Luboonnii fi Saduuqonni garuu baayʼee aaran. Achiis ergamoota qabanii gara mana murtiitti erga geessanii booda, ‘Namicha kana akka fayyistaniif humna kan isiniif kenne eenyu?’ jedhanii gaafatan. Pheexirosis, ‘Humna kana kan arganne Yesuus Kiristoos isa isin ajjeestan irraa ti’ jedhee deebii isaaniif kenne. Geggeessitoonni amantiis, ‘Waaʼee Yesuus dubbachuu keessan dhiisaa!’ jedhanii isaanitti iyyan. Ergamoonni garuu, ‘Waaʼee isaa dubbachuu qabna. Matumaa dhiisuu hin dandeenyu’ jedhan.

Pheexirosii fi Yohaannis akkuma gadhiifamaniin gara barattoota kaanii dhaqanii wanta raawwatame isaanitti himan. Isaanis, ‘Ija jabina guddaadhaan hojii kee hojjechuu akka dandeenyuuf maaloo nu gargaari’ jedhanii Yihowaa kadhatan. Yihowaan hafuura qulqulluu waan isaanii kenneef lallabuu fi namoota fayyisuu isaanii itti fufan. Ammas namoonni dabalataa hedduun amantoota taʼan. Saduqoonni kanatti baayʼee waan hinaafaniif ergamoota qabanii mana hidhaa galchan. Haa taʼu malee, Yihowaan halkan maleekaa isaa kan erge siʼa taʼu, innis balbala mana hidhaa banee ergamootaan, ‘Gara mana qulqullummaatti deebiʼaatii barsiisaa’ isaaniin jedhe.

Guyyaa itti aanu ganama geggeessitoota amantii miseensota yaaʼii Saanhediriin taʼan oduu, ‘Balballi mana hidhaa amma iyyuu cufaa dha, namoonni isin hiitan garuu baʼanii mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisaa jiru!’ jedhu dhagaʼan. Ammas ergamoonni qabamanii gara Saanhediriinitti geeffaman. Lubni ol aanaanis, ‘Waaʼee Yesuus hin dubbatinaa jennee isin ajajnee turre!’ jedhe. Pheexiros garuu, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu qabna” jedhee deebii isaaniif kenne.

Geggeessitoonni amantii baayʼee waan aaraniif ergamoota ajjeesuu barbaadan. Haa taʼu malee, barsiisaan seeraa Gamaaliʼel jedhamu kaʼee dhaabatee, ‘Of eeggadhaa! Tarii Waaqayyo namoota kanaa wajjin jira taʼa. Waaqayyoo wajjin wal loluu barbaadduu moo?’ jedhe. Kanaaf, gorsa isaa ni fudhatan. Ergamoota uleedhaan erga reebanii booda, ammas lallabuu akka dhaaban ajajanii isaan gadhiisan. Ajajni kun garuu ergamoonni lallaba isaanii akka dhiisan hin goone. Kanaa mannaa, misiraachicha mana qulqullummaa fi manaa gara manaatti ija jabinaan lallabuu isaanii itti fufan.

“Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu qabna.”—Hojii Ergamootaa 5:29