Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 96

Yesuus Saaʼoliin Filate

Yesuus Saaʼoliin Filate

Saaʼol lammii Roomaa yommuu taʼu Xarseesitti dhalate. Fariisii seera Yihudootaa akka gaariitti beekuu fi Kiristiyaanota kan jibbu ture. Dhiirotaa fi dubartoota Kiristiyaanota taʼan mana isaanii keessaa harkisee baasuudhaan mana hidhaatti isaan galcha ture. Namoonni aariidhaan guutaman Isxifaanos isa barataa Kiristoos taʼe yommuu dhagaadhaan tumanii ajjeesan illee dhaabatee ilaala ture.

Saaʼol Kiristiyaanota Yerusaalem keessa jiran qofa hidhuun gaʼaa isatti hin fakkaanne. Kanaaf Kiristiyaanota magaalaa Damaasqoo jiran qabee akka fidu akka isa erguuf luba ol aanaa gaafate. Saaʼol akkuma magaalattiitti dhihaateen akka tasaa ifni cimaan tokko naannoo isaatti waan balaqqeessaʼeef lafatti kufe. Achiis sagalee, ‘Saaʼol, maaliif na ariʼatta?’ jedhu tokko dhagaʼe. Saaʼolis, ‘Ati eenyu?’ jedhee gaafate. Sagaleen sunis deebisee, ‘Ani Yesuusi dha. Gara Damaasqootti seeni, maal gochuu akka qabdu sitti himamaa’ isaan jedhe. Iji Saaʼol yeruma sana jaame, kanaaf harka isaa qabanii magaalattiitti isa galchan.

Damaasqoo keessa Kiristiyaanni amanamaan Anaaniyaas jedhamu tokko jira ture. Yesuus mulʼataan, ‘Kaʼii mana Yihudaa isa gara daandii “Qajeelaa” jedhamu jiru dhaqiitii Saaʼoliin barbaadi’ isaan jedhe. Anaaniyaasis, ‘Yaa Gooftaa, waaʼee namicha kanaa waan baayʼee dhagaʼeera! Inni barattoota kee mana hidhaatti galchaa jira!’ jedhee deebise. Yesuus garuu, ‘Gara isaa dhaqi. Inni misiraachicha saboota baayʼeetti akka lallabuuf ani Saaʼoliin filadheera’ isaan jedhe.

Kanaaf Anaaniyaas Saaʼoliin argatee, ‘Yaa Saaʼol, obboleessa ko, Yesuus ija kee akkan siif banuuf ana ergeera’ isaan jedhe. Saaʼol, yeruma sana arguu dandaʼe. Waaʼee Yesuus baratee duuka buutuu isa taʼe. Amma Saaʼol cuuphamee Kiristiyaana waan taʼeef, Kiristiyaanota kaanii wajjin manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe. Yihudoonni, Saaʼol waaʼee Yesuus namoota barsiisaa akka jiru yommuu argan hammam akka rifatan tilmaamuu dandeessaa? Isaan, ‘Namichi kun isa barattoota Yesuus ariʼachaa ture sana mitii?’ jedhan.

Saaʼol waggaa sadiif, namoota Damaasqoo keessa jiraataniif lallabe. Yihudoonni Saaʼoliin waan jibbaniif isa ajjeesuuf karoora baafatan. Obboloonni garuu karoora isaanii kana waan dhagaʼaniif akka inni isaan jalaa miliqu godhan. Guuboo keessa kaʼanii karaa qaawwaa dallaa magaalichaa gad isa buusan.

Saaʼol yommuu gara Yerusaalem dhaqu obboloota achi jiranitti makamuuf yaalii godhe. Isaan garuu isa sodaatan. Obboleessi gaariin Barnaabaas jedhamu tokko Saaʼoliin gara ergamootaatti fidee inni dhugumaan jijjiiramuu isaa isaan amansiise. Kanaaf, Saaʼol gumii Yerusaalemii wajjin hinaaffadhaan misiraachicha lallabuu jalqabe. Yeroo booda immoo, maqaan isaa Phaawulos jedhamee beekame.

“Kiristoos Yesuus gara addunyaa kan dhufe cubbamoota fayyisuufi. Isaan keessaa immoo ani isa hunda irra caalu dha.”—1 Ximotewos 1:15