Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 98

Kiristiyaanummaan Biyyoota Hedduutti Babalʼate

Kiristiyaanummaan Biyyoota Hedduutti Babalʼate

Ergamoonni ajaja Yesuus misiraachicha addunyaa maratti akka lallabaniif kenne ajajamaniiru. Dhaloota Kiristoos Booda bara 47⁠tti obboloonni Anxokiyaa Phaawulosii fi Barnaabaas deemanii akka lallaban isaan ergan. Obboloonni hinaaffaadhaan lallaban kun lamaan, guutummaa Eeshiyaa Ishii Xinnoo, jechuunis gara Darbee, Lisxiraa fi Iqoniyum deemaniiru.

Phaawulosii fi Barnaabaas, namoota hundaaf, jechuunis sooreyyii, hiyyeeyyii, dargaggootaa fi maanguddootaaf lallabaniiru. Namoonni baayʼeen dhugaa waaʼee Kiristoos dubbatu fudhataniiru. Phaawulosii fi Barnaabaas, Sargiwos Phaawulos isa bulchaa biyya Qophiros taʼeef yommuu lallaban falfaltichi ykn xonqaayiin tokko isaan morme. Phaawulos filfaltichaan, ‘Dheekkamsi Yihowaa sitti dhufa’ jedhe. Falfaltichis yeruma sana jaame. Sargiwos Phaawulos kana yommuu argu ni amane.

Phaawulosii fi Barnaabaas bakka hundaatti, jechuunis manaa gara manaatti, gabaatti, karaa irrattii fi manneen sagadaa keessatti lallabaniiru. Lisxiraatti namicha naafa ture tokko yommuu fayyisan, namoonni dinqii raawwatame kana argan akka waaqaatti isaan ilaalanii isaan waaqeffachuu barbaadan. Phaawulosii fi Barnaabaas garuu, ‘Waaqayyoon qofa waaqeffadhaa, nutis akkuma keessan namoota dha’ jedhanii isaan dhowwan. Achiis Yihudoonni muraasni dhufanii namoota sana Phaawulos irratti kakaasan. Namoonni sun Phaawulosiin dhagaadhaan erga tumanii booda, kan duʼe waan isaanitti fakkaateef lafa irra harkisanii magaalattii keessaa gad isa baasan. Phaawulos garuu hin duune! Obboloonni yeruma sana gara isaa dhufanii gara magaalaatti isa deebisan. Boodas, Phaawulos gara Anxokiyaatti deebiʼe.

Phaawulos Dh.K.B. bara 49⁠tti marsaa lallabaa lammaffaa godhe. Obboloota ilaaluuf Eeshiyaa Ishii Xinnootti erga deebiʼee booda, misiraachicha biyyoota fagootti argaman, jechuunis Awurooppaa keessatti lallabe. Gara Ateenaa, Efesoon, Filiphisiyus, Tasalonqee fi bakkawwan biroo dhaqe. Siilaas, Luqaasii fi dargaggeessi Ximotewos jedhamu Phaawulosii wajjin deemaniiru. Gumiiwwan hundeessuu fi akka jabaatan gargaaruuf walii wajjin hojjetaniiru. Phaawulos obboloota achi jiran jajjabeessuuf waggaa tokkoof walakkaa Qorontos keessa ture. Achi taaʼee lallabeera, barsiiseera, akkasumas gumiiwwan hedduudhaaf xalayaa barreesseera. Kana malees dunkaana hodhaa kan ture siʼa taʼu, yeroo booda, Anxokiyaatti deebiʼeera.

Yeroo booda immoo, Phaawulos Dh.K.B. bara 52⁠tti adeemsa lallabaa marsaa sadaffaa Eeshiyaa Ishii Xinnoodhaa jalqabe. Gara kaabaatiin hanga Filiiphisiyusitti, karaa gadii immoo hanga Qorontositti deeme. Phaawulos barsiisaa, namoota dhukkubsatan fayyisaa fi gumicha gargaaraa waggaa hedduu Efesoon keessatti dabarse. Kana malees, galma mana barumsaa tokkotti guyyaa guyyaadhaan haasaa sabaa dhiheessa ture. Namoonni hedduun haasaa kana dhaggeeffachuudhaan akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiraniiru. Phaawulos xumura irratti misiraachicha biyyoota hedduutti erga lallabee booda gara Yerusaalem deeme.

“Kanaaf, dhaqaatii . . . saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa.”—Maatewos 28:19