Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 99

Eegduun Mana Hidhaa Tokko Kiristiyaana Taʼe

Eegduun Mana Hidhaa Tokko Kiristiyaana Taʼe

Magaalaa Filiphisiyus keessa garbittiin jinniidhaan qabamte tokko jirti turte. Jinniin ishii irra jiru, intalattiin wanta gara fuulduraa akka dubbattu ishii taasisa ture; ishiinis gooftolii ishiitiif qarshii hedduu argamsiisti turte. Phaawulosii fi Siilaas gara Filiphisiyus yommuu dhufan, guyyoota hedduudhaaf isaan duukaa deemti turte. Jinnichi, ‘Namoonni kun garboota Waaqa Hundaa Olii ti’ jettee akka iyyitu taasisa ture. Dhuma irratti, Phaawulos ‘Maqaa Yesuus Kiristoosiin ishii keessaa baʼi!’ jedhee jinnicha ajaje. Jinnichis intalattii keessaa ni baʼe.

Gooftoliin intalattii kana booda qarshiin karaa ishii argamu akka addaan cite yommuu hubatan baayʼee aaran. Phaawulosii fi Siilaasiin gara bulchitoota magaalattiitti isaan geessanii akkana jedhan: ‘Namoonni kun seera cabsuudhaan guutummaa magaalattii jeeqaa jiru!’ Bulchitoonni magaalattiis Phaawulosii fi Siilaas akka reebamanii fi mana hidhaa akka isaan galchan ajajan. Eegduun mana hidhaa sunis kutaa mana hidhaa isa keessi isaa dukkanaaʼaa taʼetti isaan galchee miilla isaanii jirma gidduu galchee hidhe.

Phaawulosii fi Siilaas hidhamtoonni kaan utuu isaan dhaggeeffatanii faarfannaadhaan Yihowaa jajachaa turan. Akkuma tasaa halkan walakkaa kirkirri lafaa guddaan waan uumameef, manni hidhaa sun gararraadhaa hamma gajjallaatti ni raafame. Balballi mana hidhaa hundi ni baname; fuuncaa fi jirmi hidhamtoonni ittiin hidhamanis isaan irraa hiikaman. Eegduun mana hidhaa sun fiigee gara keessaa yommuu lixu balballi hundi banaa taʼuu isaa arge. Namoonni hidhaman hundi miliqaniiru jedhee waan yaadeef, goraadee isaa luqqifatee of ajjeesuuf kaʼe.

Yeroo kanatti Phaawulos sagalee guddaadhaan, ‘Hundi keenya asuma waan jirruuf, miidhaa of irratti hin geessisin!’ jedhe. Eegdichis fiigee gara keessaatti lixee miilla Phaawulosii fi Siilaas jalatti kufe. Achiis, “Fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, ‘Atii fi maatiin kee Yesuusitti amanuu isin barbaachisa’ isaan jedhan. Achiis, Phaawulosii fi Siilaas dubbii Yihowaa isaan barsiisan, eegduun mana hidhaa fi namoonni mana isaa hundi ni cuuphaman.

“Namoonni isin qabu, akkasumas isin ariʼatu, manneen sagadaa fi manneen hidhaatti dabarsanii isin kennu. Maqaa kootiif jettaniis moototaa fi bulchitoota duratti ni dhiheeffamtu. Kunis akka dhugaa baatan carraa isiniif bana.”—Luqaas 21:12, 13