Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 101

Phaawulos Roomaatti Ergame

Phaawulos Roomaatti Ergame

Adeemsi lallabaa Phaawulos marsaa sadaffaan Yerusaalemitti xumurame. Achitti qabamee mana hidhaatti galfame. Yesuus halkan mulʼataan, ‘Roomaa dhaqxee achitti ni lallabda’ isaan jedhe. Phaawulos Yerusaalemii fuudhamee gara Qisaariyaa ishii waggaa lamaaf itti hidhametti geeffame. Bulchaa Biyyaa Feesxos duratti murtiidhaaf yommuu dhihaatu Phaawulos, ‘Qeesaaritti ol iyyadheera’ jedhe. Feesxosis, “Qeesaaritti waan ol iyyatteef, gara Qeesaar ni dhaqxa” isaan jedhe. Phaawulos markabaa gara Roomaa deemu akka yaabbatu taasifame; obboloonni Kiristiyaanota taʼan lama, jechuunis Luqaasii fi Arisxaarkos isaa wajjin deemaniiru.

Galaana irra yommuu deemanitti qilleensi jabaan guyyoota hedduudhaaf ture galaanicha irratti kaʼe. Hundi isaanii ni duuna jedhanii yaadan. Haa taʼu malee, Phaawulos akkana jedhe: ‘Maleekaan tokko abjuudhaan “Yaa Phaawulos, hin sodaatin. Roomaa ni dhaqxa, namoonni sii wajjin doonii irra jiranis ni ooluu” naan jedhe. Jabaadhaa! Ni oollaa!’

Qilleensi jabaan sun guyyaa 14iif isaan rakkise. Dhuma irratti lafti ni mulʼate. Lafti kunis odoola Maaltaa jedhama ture. Doonichi cirracha keessa galee kan caccabe taʼus, namoonni 276 doonicha keessa turan hundi lubbuudhaan oolanii nagaadhaan gara lafaatti baʼan. Namoonni tokko tokko daakaadhaan gara lafaatti kan baʼan yommuu taʼu, warri kaan immoo caccabaa doonichaatiin gara qarqara galaanaatti baʼan. Namoonni Maaltaa kunuunsa isaaniif godhan; akkasumas akka qaqqaammataniif ibidda isaaniif qabsiisan.

Loltoonni sun jiʼa sadii booda doonii kan biraatiin Phaawulosiin gara Roomaatti geessan. Yommuu inni achi gaʼu obboloonni dhufanii isa simatan. Phaawulos yommuu isaan argu Yihowaa galateeffate, akkasumas jajjabina argate. Phaawulos kan hidhame taʼu illee, mana kireeffate keessa jiraachaa loltuun tokko akka isa eegu isaaf heyyamame. Bakka kana waggaa lamaaf jiraate. Namoonni gara isaa kan dhufan yommuu taʼu, innis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaaniif lallabaa fi waaʼee Yesuus isaan barsiisaa ture. Kana malees, Phaawulos gumiiwwan Eeshiyaa Xinnoo fi Yihudaatti argamaniif xalayaa barreesseera. Dhuguma iyyuu, Yihowaan misiraachicha sabootaaf akka lallabuuf Phaawulositti fayyadameera.

“Karaa hundumaan akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina; kanas kan goonu, qorumsa hedduu keessatti jabaannee dhaabachuudhaan, rakkinaan, dhabuudhaan, haalawwan rakkisaa [taʼaniini dha].”—2 Qorontos 6:4