Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 103

“Mootummaan Kee haa Dhufu”

“Mootummaan Kee haa Dhufu”

Yihowaan akkana jedhee waadaa galeera: ‘Kana booda, iyyi, cinqiin, dhukkubnii fi duuti hin jiraatu. Ani imimmaan hundumaa ija isaanii irraa nan haqa. Wantoonni hamoon duraa sun hundi ni irraanfatamu.’

Yihowaan, Addaamii fi Hewwaaniin nagaa fi gammachuudhaan akka jiraataniif dhaaba Eeden keessa isaan kaaʼee ture. Abbaa isaanii isa samii waaqeffachuu fi ijoollee isaaniitiin lafa kana guutuu qabu turan. Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin kan hafan taʼanis, kaayyoon isaa garuu matumaa hin jijjiiramne. Kitaaba kana keessatti, abdiin Waaqayyo kenne hundi akka raawwatamu ilaalleerra. Akkuma Abrahaamiif waadaa galee ture, Mootummaan isaa lafa kanaaf eebbawwan dinqisiisoo fida.

Dhiheenyatti, Seexanni, jinniiwwanii fi namoonni hamoon hundi ni balleeffamu. Qaamni lubbuudhaan jiraatu kam iyyuu Yihowaa waaqeffata. Hin dhukkubsanu ykn hin duunu. Kanaa mannaa, guyyaa guyyaadhaan humni keenya guutummaatti waan haaromfamuuf, lubbuudhaan jiraachuu keenyatti ni gammanna. Lafti jannata taati. Namni hundi nyaata gaarii fi mana mijataa qabaata. Namoonni gaarii taʼu malee, gara jabeeyyii ykn hamoota hin taʼan. Bineensonni bosonaa nu hin sodaatan, nutis isaan hin sodaannu.

Yommuu Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuu jalqabu yeroo baayʼee gammachiisaa taʼa. Namoota waggaa dheeraa dura duʼan, kan akka Abeel, Noh, Abrahaam, Saaraa, Musee, Ruut, Asteerii fi Daawit jiran ni simanna. Isaanis hojii lafa kana gara jannataatti deebisuuf godhamu irratti nu wajjin hirmaatu. Yeroo hunda achi keessa hojii nama gammachiisu hedduun ni jiraata.

Yihowaan atis achi akka jiraattu barbaada. Karaa kanaan dura matumaa yaaddee hin beekneen waaʼee isaa beekta. Kanaaf, ammas taʼe bara baraaf guyyaa guyyaadhaan caalaatti Yihowaatti dhihaachuu keenya itti haa fufnu!

“Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, . . . ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”—Mulʼata 4:11