Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 1

Seensa Kutaa 1

Kitaaba Qulqulluu dubbisuu yommuu jalqabnu, seenaa Waaqayyo wantoota uumama cufa keessatti argaman uumuu isaa ibsu arganna; seenaan kun Yihowaan wantoota babbareedoo samii fi lafa irratti uumee hubachuuf nu gargaara. Warra yoo taatan, mucaan keessan uumamawwan adda addaa hedduu akka hubatu gargaaraa. Waaqayyo namoota bineeldota irra guddaa caalchisee akka uume, jechuunis dandeettii dubbachuu, yaaduu, wantoota haaraa kalaquu, faarfachuu fi kadhachuu akka isaaniif kenne ibsaafii. Humnaa fi ogummaa Yihowaa, keessumaa immoo nuunis dabalatee jaalala inni uumamawwan isaa hundatti argisiise akka dinqisiifatu isa gargaaraa.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 1

Waaqayyo samii fi lafa uume

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo samii fi lafa uume jedha. Haa taʼu malee, Waaqayyo namaa fi wanta kam iyyuu dura maleekaa tokko kan uume maaliifi?

BARUMSA 2

Waaqayyo Dhiiraa fi Dubartii Jalqabaa Uume

Waaqayyo dhiiraa fi dubartii jalqabaa uumee, dhaaba Eeden keessa akka jiraatan godhe. Maatii horachuu fi guutummaa lafa jannata gochuu dandaʼu turan.