Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 2

Seensa Kutaa 2

Yihowaan bishaan badiisaa fidee addunyaa yeroo sanatti ture kan balleesse maaliifi? Jalqaba seenaa ilmaan namootaatii kaasee, qabsoon wanta gaarii fi hamaa gidduutti taasifamuu ni eegale. Namoonni akka Addaam, Hewwaanii fi ilma isaanii Qaayin jiran wanta hamaa cinaa hiriiruu filatan. Warri akka Abeelii fi Noh jiran muraasni immoo, wanta gaarii cinaa dhaabachuuf filatan. Namoonni hedduun hamoota waan taʼaniif, Yihowaan addunyaa hamaa sana ni balleesse. Kutaan kun Yihowaan isa kam cinaa dhaabachuuf akka filannee fi inni wanti hamaan isa gaarii akka moʼuu matumaa akka hin heyyamne hubachuuf nu gargaara.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 3

Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof hin Ajajamne

Wanti muka dhaaba Eeden keessa jiru tokko adda taasisu maal ture? Hewwaan firii sana irraa kan nyaatte maaliifi?

BARUMSA 4

Aariin Ajjeechaatti Geessa

Waaqayyo aarsaa Abeel ni fudhate, kan Qaayin garuu hin fudhanne. Qaayin yommuu kana beeku baayʼee aaree wanta hamaa raawwate.

BARUMSA 5

Doonii Noh

Maleekonni hamoo taʼan gara lafaa dhufuudhaan dubartoota fuudhanii ilmaan guguddaa abbootii humnaa taʼan godhatan. Noh garuu nama addaa Waaqayyoon jaallatuu fi isaaf ajajamu ture.

BARUMSA 6

Namoonni Saddeet Addunyaa Haaraatti Galan

Bishaan Badiisaa sun guyyaa 40 fi halkan 40 Roobe. Walumaa galatti Nohii fi maatiin isaa waggaa tokkoo oliif doonii keessa turan. Dhuma irratti, achi keessaa baʼuu dandaʼaniiru.