Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 3

Seensa Kutaa 3

Waggoota Bishaan Badiisaa booda turanitti, Kitaabni Qulqulluun namoota Yihowaa tajaajilaa turan baayʼee muraasa caqaseera. Namoota Yihowaa tajaajilan keessaa tokko, Abrahaam isa michuu Yihowaa jedhamee beekamu ture. Michuu Yihowaa jedhamee kan waamame maaliifi? Warra yoo taatan, ijoolleen keessan Yihowaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka isaaniif kennuu fi isaan gargaaruu akka barbaadu akka hubatan godhaa. Akkuma Abrahaamii fi namoota amanamoo kaan kan akka Looxii fi Yaaqoob jiranii, Yihowaan akka nu gargaaru sodaa tokko malee gaafachuu ni dandeenya. Yihowaan waadaa gale hunda akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 7

Gamoo Baabel

Namoonni magaalaa fi gamoo fiixeen isaa samii bira gaʼu ijaaruuf murteessan. Waaqayyo akkuma tasaa qooqa adda addaa akka dubbatan kan godhe maaliifi?

BARUMSA 8

Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof Ajajamaniiru

Abrahaamii fi Saaraan jireenya isaanii isa magaalaa keessaa dhiisanii galaa taʼanii Kanaʼaan keessa jiraachuu kan filatan maaliifi?

BARUMSA 9

Dhuma Irratti Ilma Godhatan!

Abdii Waaqayyo Abrahaamiif kenne akkamitti raawwatama? Abdiin kun karaa Yisihaaq moo karaa Ishmaaʼel raawwatama?

BARUMSA 10

Haadha manaa Loox Yaadadhaa

Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa irratti ibiddaa fi dhagaa bobaʼu roobse. Magaalonni sun kan balleeffaman maaliifi? Haadha manaa Loox yaadachuu kan qabnu maaliifi?

BARUMSA 11

Qorumsa Amantii

Waaqayyo Abrahaamiin, ‘Maaloo ilma kee tokkicha Tulluu Moriiyaa irratti aarsaa godhii anaaf dhiheessi’ jedheen. Abrahaam qorumsa amantii kana kan moʼe akkamitti?

BARUMSA 12

Yaaqoob Dhaalicha Argate

Yisihaaqii fi Ribqaan ilmaan lakkuu Esaawuu fi Yaaqoob jedhaman qabu turan. Esaawu jalqaba irratti waan dhalateef, dhaala addaa argachuu dandaʼa ture. Mirga isaa kana ittoodhaan kan jijjiire maaliifi?

BARUMSA 13

Yaaqoobii fi Esaawu ni Araaraman

Yaaqoob maleekaa tokko irraa eebba kan argate akkamitti? Esaawuu wajjin kan araarame akkamitti?