Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 4

Seensa Kutaa 4

Kutaan kun Yoseef, Iyoob, Musee fi Israaʼelootaa wajjin wal nu barsiisa. Diyaabilos hunda isaanii irra rakkina hedduu geessiseera. Tokko tokko jalʼinni haqaa, hidhaan, garbummaan isaan irra gaʼeera; kan ajjeefaman illee jiru. Taʼus, Yihowaan karaa adda addaatiin isaan eegeera. Warra yoo taatan, mucaan keessan tajaajiltoonni Yihowaa kun rakkinni isaan irra gaʼus, amantii isaanii akka hin dhabne akka hubatu gargaaraa.

Yihowaan Dhaʼichawwan Kurnanitti fayyadamee waaqolii warra Gibxii hunda caalaa humna guddaa akka qabu argisiiseera. Yihowaan bara duriitti akkamitti saba isaatiif eegumsa akka godhe, yeroo ammaattis akkamitti eegumsa akka isaaniif godhu ibsaa.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 14

Garbicha Waaqayyoof Ajajame

Yoseef wanta sirrii taʼe raawwatus rakkinni cimaan isa irra gaʼeera. Maaliif?

BARUMSA 15

Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Irraanfanne

Yoseef maatii isaa irraa fagaatee kan jiru taʼus, Waaqayyo isaa wajjin akka jiru argisiiseera.

BARUMSA 16

Iyoob Eenyu Ture?

Haala rakkisaa keessatti illee Yihowaadhaaf ajajameera.

BARUMSA 17

Museen Yihowaa Waaqeffachuu Filate

Museen ijoollummaa isaatti mala gaarii haati isaa qopheessiteen duʼa irraa ooleera.

BARUMSA 18

Huuxxii Bobaʼu

Ibdichi huuxxii sana kan hin gubne maaliifi?

BARUMSA 19

Dhaʼicha Jalqabaa Sadan

Faraʼoon of tuulummaa isaatiin kan kaʼe tarkaanfii salphaa taʼe fudhachuu waan dideef, saba isaatti badiisa fide.

BARUMSA 20

Dhaʼichawwan Itti Aanan Jaʼan

Dhaʼichawwan kana warra jalqabaa sadan irraa adda kan taasisu maali dha?

BARUMSA 21

Dhaʼicha Kurnaffaa

Dhaʼichi kun baayʼee ulfaataa waan taʼeef Faraʼoon inni of tuulu illee abdii kutatee ture.

BARUMSA 22

Dinqii Galaana Diimaa Irratti Raawwatame

Faraʼoon dhaʼichawwan kudhan lubbuudhaan darbus, dinqii Waaqayyoo kana irraa ooleeraa?