Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 5

Seensa Kutaa 5

Israaʼeloonni Galaana Diimaa keessa erga darban jiʼa lama booda Tulluu Siinaa gaʼan. Bakka kanatti Yihowaan, Israaʼeloonni saba addaa akka isaaf taʼan isaanii wajjin kakuu gale. Eegumsa isaaniif godheera; akkasumas wanta isaan barbaachisu isaaniif guuteera, jechuunis mannaa akka nyaatan, uffanni isaanii akka hin dhumnee fi bakka balaan isaan irra hin geenye akka jiraatan godheera. Warra yoo taatan, mucaan keessan Yihowaan Israaʼelootaaf Seera, godoo qulqullaaʼaa fi sirna lubummaa kan isaaniif kenne maaliif akka taʼe akka hubatu gargaaraa. Waadaa galle eeguun, kan gad of qabnee fi Yihowaadhaaf ajajamoo taʼuun yeroo hundumaa barbaachisaa taʼuu isaa isaan yaadachiisaa.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 23

Waadaa Yihowaadhaaf Galan

Israaʼeloonni Tulluu Siinaa bira yommuu buufatanii turan Waaqayyoof waadaa addaa galan.

BARUMSA 24

Waadaa Yihowaadhaaf Galan hin Eegne

Museen Ajajawwan Kurnan yeroo fiduu dhaqetti, sabichi cubbuu cimaa hojjete.

BARUMSA 25

Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaadhaaf Oolu

Saanduqni kakuu dunkaana addaa taʼe kana keessa taaʼa ture.

BARUMSA 26

Basaastota Kudha Lamaan

Iyaasuu fi Kaaleb basaastota kurnan irraa adda turan.

BARUMSA 27

Yihowaa Irratti Mormii Kaasan

Qoraahi, Daataan, Abiiramii fi namoonni 250 kan biraan Yihowaa ilaalchisee dhugaa barbaachisaa tokko utuu hin hubatin hafaniiru.

BARUMSA 28

Harreen Balaʼaam ni Dubbatte

Harrittiin qaama Balaʼaamitti hin mulʼanne tokko argite.