Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 6

Seensa Kutaa 6

Israaʼelonni dhuma irratti Biyyattii Abdachiifamte yommuu gaʼan, godoo qulqullaaʼaan gidduu gala waaqeffannaa dhugaa taʼe. Luboonni Seera barsiisu, abootiin murtii immoo sabichaaf qajeelfama kennu turan. Kutaan kun murtoon ykn gochi nama tokkoo warra kaan irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka dandaʼu ibsa. Israaʼeloonni hundi, Yihowaa fi nama akka isaanii ilaalchisee itti gaafatamummaa qabu. Deboraan, Naaʼomiin, Iyaasuun, Haannaan, intalli Yiftaa fi Saamuʼel dhiibbaa akkamii geessisanii akka turan ibsaa. Namoonni Israaʼeloota hin taane kan akka Rahaab, Ruut, Yaaʼelii fi warra Giibeʼon jiran illee, Waaqayyo isaanii wajjin akka jiru waan hubataniif Israaʼeloota cinaa hiriiruuf murteessuu isaanii ibsaa.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 29

Yihowaan Iyaasuu Filate

Qajeelfamni Waaqayyo Iyaasuudhaaf kenne yeroo harʼaattis nu fayyada.

BARUMSA 30

Rahaab Basaastota Dhoksite

Dallaan Yerikoo ni jige. Manni Rahaab inni dallichatti maxxanee ijaarame garuu hin jigne.

BARUMSA 31

Iyaasuu fi Giibeʼonota

Iyaasuun, “Ati yaa biiftuu nana dhaabadhu!” jedhee Yihowaa kadhate. Yihowaan deebii isaaf kenneeraa?

BARUMSA 32

Geggeessaa Haaraa fi Dubartoota Ija Jabeeyyii Lama

Iyaasuun erga duʼee booda Israaʼelonni waaqayyolii sobaa waaqeffachuu jalqaban. Jireenyi ulfaata taʼus karaa Baaraaq, Deboraa fi Yaaʼel gargaarsa argataniiru!

BARUMSA 33

Ruutii fi Naaʼomii

Dubartoonni lamaan abootiin manaa isaanii irraa duʼan gara Israaʼelitti deebiʼan. Dubartoota sana keessaa tokko Ruut qarmii funaannachuu kan deemte siʼa taʼu, yeroo kanatti Boaz ishii arge.

BARUMSA 34

Giidewon Miidiyaanota ni Moʼe

Miidiyaanonni Israaʼelootatti jireenya yommuu hadheessan Israaʼeloonni Yihowaa kadhatan. Loltooni Giidewon loltoota diinaa 135,000 moʼuu kan dandaʼan akkamitti?

BARUMSA 35

Haannaan Ilma Argachuuf Kadhatte

Elqaanaan Haannaa, Phiniinaa fi ijoollee wajjin waaqeffannaaf Shiiloo deema ture. Haannaanis ilma argachuuf kadhatte. Waggaa tokko boodas Saamuʼeliin ni deesse!

BARUMSA 36

Waadaa Yiftaan Gale

Yiftaan waadaa akkamii gale, maaliifi? Intalli Yiftaa waadaa abbaan ishii gale ilaalchisee maal jette?

BARUMSA 37

Yihowaan Saamuʼelitti Dubbate

Elii lubni ol aanaan ilmaan godoo qulqullaaʼaa keessa tajaajilan lama qaba ture, taʼus isaan seera Waaqayyoof hin ajajaman turan. Saamuʼel mucichi isaan irraa adda ture. Yihowaanis isatti dubbate.

BARUMSA 38

Yihowaan Siimsoniif Humna Guddaa Kenne

Waaqayyo Siimson Filisxeemota akka waraanuuf humna guddaa isaaf kenne, yeroo Siimson murtoo dogoggoraa godhetti garuu Filisxeemonni isa qaban.