Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 7

Seensa Kutaa 7

Kutaan kun seenaa jireenyaa Saaʼol Mootichaa fi Daawit Mootichaa waggaa 80 keessatti raawwatame ibsa. Jalqaba, Saaʼol nama gad of qabuu fi Waaqayyoon sodaatu ture; booda garuu waan jijjiirameef qajeelfama Yihowaa hordofuu dhiise. Yihowaanis isa tuffate; yeroo booda Saamuʼel, Daawit mootii Israaʼel itti aanu akka taʼuuf akka isa muudu ajaje. Saaʼol hinaaffaadhaan Daawitiin ajjeesuuf yeroo baayʼee yaalii godhee ture; Daawit garuu matumaa Saaʼoliin ajjeesuuf hin yaanne. Ilmi Saaʼol Yonaataan, Yihowaan Daawitiin akka filate waan beekeef, Daawitiif amanamaa taʼeera. Daawit cubbuu cimaa raawwatee kan ture taʼus, matumaa adaba Yihowaa fudhachuu hin didne. Warra yoo taatan, ijoolleen keessan yeroo hunda qophii Yihowaa deggeruu akka qaban akka hubatan gargaaraa.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 39

Mootii Israaʼel Isa Jalqabaa

Waaqayyo Israaʼeloota akka geggeessaniif abboota firdii isaaniif kennee ture, isaan garuu mootii qabaachuu barbaadan. Saamuʼel, Saaʼol mootii isa jalqabaa akka taʼuuf isa dibe, booda garuu Yihowaan isa tuffate. Maaliifi?

BARUMSA 40

Daawitii fi Goliyaad

Yihowaan Daawit mootii Israaʼel isa itti aanu akka taʼu isa filate, Daawitis inni filatamuun isaa maaliif sirrii akka ture argisiiseera.

BARUMSA 41

Daawitii fi Saaʼol

Namoota kana keessaa inni tokko isa kaan kan jibbu maaliifi? Inni jibbame hoo amala akkamii argisiise?

BARUMSA 42

Yonaataan Isa Ija Jabeessaa fi Amanamaa

Ilmi mootichaa Daawitiif michuu gaarii taʼe.

BARUMSA 43

Cubbuu Daawit Mootichaa

Murtoon dogoggoraa rakkina hedduu geessisa.