Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 8

Seensa Kutaa 8

Yihowaan, Solomooniif ogummaa guddaa isaaf kennuudhaan isa eebbiseera; mirga mana qulqullummaa ijaaruus isaaf kenneera; taʼus inni yeroo booda Yihowaa dhiiseera. Warra yoo taatan, waaqeffattoonni sobaa Solomooniin Yihowaa irraa akkamitti akka isa fageessan mucaa keessaniif ibsaafii. Mootummichi ni hihhirame, akkasumas mootonni hamoon sabichi Yihowaa akka dhiisuu fi waaqolii tolfamoo akka waaqeffatu isa taasisan. Yeroo kanatti, raajonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼan hedduun ariʼatamaniiru, akkasumas ajjeefamaniiru. Iizaabel Mootittiin mootummaan kaabaa Yihowaa irraa akka fagaatu dirqisiistee turte. Yeroon kun seenaa Israaʼel keessatti yeroo dukkanaa ture. Taʼus, Yoshaafaax Mootichaa fi Eliyaas raajicha dabalatee tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hedduun jiru turan.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 44

Mana Qulqullummaa Yihowaa

Yihowaan kadhannaa Solomoon Mootichi dhiheesse dhagaʼee mirgawwan guguddaa isaaf kenneera.

BARUMSA 45

Mootummaan Tokko ni Qoodame

Israaʼeloonni hedduun Yihowaa tajaajiluu dhaaban.

BARUMSA 46

Qorumsa TulluuQarmelos Irratti Geggeeffame

Waaqni dhugaa eenyu? Yihowaa moo Baʼaali dha?

BARUMSA 47

Yihowaan Eliyaasiin ni Jabeesse

Siinis si jabeessuu akka dandaʼu sitti dhagaʼamaa?

BARUMSA 48

Ilmi Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Duʼaa ni Kaʼe

Manuma tokko keessatti dinqii lama!

BARUMSA 49

Mootuu Hamtuun Tokko ni Adabamte

Iizaabel dhaaba wayinii isaa fudhachuuf nama Israaʼel Naabot jedhamu ajjeesisuuf itti malte! Hammeenyi ishii ija Yihowaa duraa hin dhokanne.

BARUMSA 50

Yihowaan Yoshaafaaxiin Oolche

Yoshaafaax inni mootii gaarii ture Yihudaan yommuu saboota diinota taʼaniin doorsifamu Yihowaatti kadhannaa dhiheesse.