Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 9

Seensa Kutaa 9

Kutaan kun waaʼee dargaggootaa, raajotaa fi mootota Yihowaa irratti amantii guddaa akka qaban argisiisanii nu barsiisa. Sooriyaa keessatti intalli xinnoon lammii Israaʼel taate tokko, raajiin Yihowaa Naʼamaaniin akka fayyisu amantii qabdi turte. Elsaaʼi raajichi Yihowaan loltoota diinaa irraa akka isa eegu amanannaa guutuu qaba ture. Yoyaadaa inni Luba Ol Aanaa ture lubbuu isaa balaadhaaf saaxilee, Yoʼaas isa mucaa xinnoo ture sana akkoo isaa ishii hamtuu taate, Ataaliyaa irraa isa oolcheera. Hisqiyaas Mootichi Yihowaan Yerusaalemiin akka oolchu amanameera, akkasumas warri Asor isaan sossodaachisuuf yaalanis isaan hin sodaanne. Yosiyaas Mootichi biyyicha keessaa waaqolii tolfamoo balleesseera, mana qulqullummaa haaresseera, akkasumas sabichi gara waaqeffannaa dhugaatti akka deebiʼu godheera.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 51

Loltuu Tokkoo fi Intala Xinnoo Tokko

Intalli durbaa Israaʼel tokko waaʼee humna Yihowaa isa guddaa giiftii ishiitti yommuu himtu, buʼaan isaa dinqisiisaa ture.

BARUMSA 52

Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa

Hojjetaan Elsaaʼi, ‘warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra in caaluu’ isa jedhame arguu kan dandaʼe akkamitti?

BARUMSA 53

Ija Jabina Yoyaadaa

Luboonni amanamoo taʼan mootii hamtuu irratti kaʼan.

BARUMSA 54

Yihowaan Yoonaasiif Obseera

Raajiin Waaqayyoo tokko qurxummiidhaan kan liqimfame akkamitti? Achi keessaa kan baʼe hoo akkamitti? Yihowaan barumsa akkamii isaaf kenne?

BARUMSA 55

Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa Godhe

Diinonni Yihudaa Yihowaan saba isaa hin eegu jedhanii turan, garuu dogoggoranii turan!

BARUMSA 56

Yosiyaas Seera Waaqayyoo ni Jaallata Ture

Yosiyaas umurii isaa waggaa saddeetitti mootii taʼe, sabni isaa Yihowaa akka waaqeffatu gargaareera.