Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 10

Seensa Kutaa 10

Yihowaan qaamota hunda irratti Mootii dha. Inni wanta hunda toʼachaa tureera, gara fuulduraattis toʼachuu isaa itti fufa. Fakkeenyaaf, Ermiyaas boolla keessatti akka hin duune isa oolcheera. Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo ibidda keessaa oolcheera, Daaniʼeliin immoo afaan leencotaa irraa oolcheera. Yihowaan guutummaa saba ishii oolchuu akka dandeessuuf Asteeriin eegeera. Inni hamminni bara baraaf akka itti fufu hin heyyamu. Raajiin waaʼee bifa fakkeenyaa isa guddaa fi muka isa guddaa dubbatame, Mootummaan Yihowaa dhiheenyatti hammeenya hunda balleessee ofii isaatii bara baraaf lafa akka bulchu wabii taʼa.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 57

Yihowaan Akka Lallabuuf Ermiyaasiin Erge

Wanti raajiin dargaggeessa taʼe kun dubbate jaarsoliin Yihudaa baayʼee akka aaran godhe.

BARUMSA 58

Yerusaalem ni Balleeffamte

Namoonni Yihudaa waaqolii sobaa waaqeffachuu isaanii waan itti fufaniif Yihowaan isaan dhiise.

BARUMSA 59

Dargaggoota Yihowaadhaaf Ajajaman Arfan

Dargaggoonni Yihudoota taʼan mana mootummaa Baabilon keessatti illee Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuuf murteessanii turan.

BARUMSA 60

Mootummaa Bara Baraaf Jiraatu

Daaniʼel hiika abjuu Nebukadnezaar isa adda taʼe ibse.

BARUMSA 61

Isaan Gombifamanii hin Sagadne

Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon fakkii mootii Baabilon warqee irraa hojjetameef gombifamanii hin sagadne.

BARUMSA 62

Mootummaa Akka Muka Guddaa Taʼe Tokko

Abjuun Nebukadnezaar wanta gara fuulduraatti isa mudatu kan dubbatu ture.

BARUMSA 63

Barreeffama Keenyan Irratti Mulʼate

Wanti iccitii taʼe kun kan mulʼate yoomi? Hiikni isaa hoo maali dha?

BARUMSA 64

Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti Darbatame

Akkuma Daaniʼel gochaa ture atis guyyaa hundumaa gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessi!

BARUMSA 65

Asteer Saba Ishii Oolchite

Nama biyya ormaa taatus haalli ishii inni intala warra hin qabne taʼuudhaan dabarsite gara mootuu taʼutti jijjiirame.

BARUMSA 66

Izraan Seera Waaqayyoo Barsiise

Israaʼelonni erga Izraa dhagaʼanii booda Waaqayyoof waadaa adda taʼe galan.

BARUMSA 67

Dallaawwan Yerusaalem

Nahimiyaan diinonni isaan haleeluuf akka karoorfatan ni beeke. Inni kan hin sodaanne hoo maaliifi?