Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 12

Seensa Kutaa 12

Yesuus waaʼee Mootummaa samii namoota barsiiseera. Maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuu fi fedhiin isaa lafa irratti akka taʼu akka kadhatanis barsiiseera. Warra yoo taatan, kadhannaan kun nuuf hiika maalii akka qabu ijoollee keessaniif ibsaa. Yesuus, Seexanni amanamummaa isaa akka laaffisu hin heyyamne. Inni namoota ergamoota isaa taʼan kan filate siʼa taʼu, isaanis Mootummicha keessatti miseensota hundee jalqabaa taʼaniiru. Yesuus waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa akka qabu hubadhaa. Inni namoota gargaaruu waan barbaaduuf, warra dhukkubsatan fayyiseera, warra beelaʼan nyaachiseera, warra duʼan illee duʼaa kaaseera. Dinqiiwwan kana hundaa hojjechuudhaan, Mootummichi ilmaan namootaatiif maal akka raawwatu argisiiseera.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 74

Yesuus Masiihicha Taʼe

Yohaannis, Yesuusiin Hoolaa Waaqayyoo yommuu jedhu maal jechuu isaa ture?

BARUMSA 75

Diyaabilos Yesuusiin Qore

Diyaabilos Yesuusiin siʼa sadii qore. Qorumsiwwan kun sadan maalfaʼi? Yesuus hoo deebii akkamii kenne?

BARUMSA 76

Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleesse

Yesuus hoolotaa fi loon mana qulqullummaa keessaa kan ariʼee fi saantima warra qarshii jijjiiranii kan bittimse maaliifi?

BARUMSA 77

Dubartii Boolla Bishaanii Bira Turte

Dubartiin Samaariyaa boolla bishaanii Yaaqoob bira turte Yesuus ishii wajjin dubbachuun isaa ishii dinqisiise. Maaliif? Yesuus wanta eenyutti illee hin himne ishiitti hime?

BARUMSA 78

Yesuus Ergaa Mootummichaa Lallabe

Yesuus barattoota isaa keessaa tokko tokko ‘namoota akka qurxummiitti akka qabaniif’ afeereera. Yeroo booda barattoota isaa 70 leenjisee ergaa mootummichaa akka lallabaniif isaan erge.

BARUMSA 79

Yesuus Dinqiiwwan Hedduu Raawwate

Bakka inni deemu hundatti namoonni dhukkubsatan gargaarsaaf gara isaa dhufu turan; innis hunda isaanii ni fayyisa ture. Intala xinnoo tokko illee duʼaa kaaseera

BARUMSA 80

Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate

Maaliif isaan filate? Maqaa isaanii ni yaadattaa?

BARUMSA 81

Lallaba Gaara Tokko Irratti Kenname

Yesuus namoota walitti qabamanii turan barumsa faayidaa guddaa qabu barsiise.

BARUMSA 82

Yesuus Akkamitti Akka Kadhatan Barattoota Isaa Barsiise

Yesuus barattoonni isaa waaʼee wantoota akkamii kadhachuu isaanii akka itti fufan barsiise?

BARUMSA 83

Yesuus Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Nyaachise

Dinqiin kun waaʼee Yesuusii fi waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

BARUMSA 84

Yesuus Bishaan Irra Deeme

Ergamoonni dinqii kana yommuu argan maaltu akka isaanitti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa?

BARUMSA 85

Yesuus Guyyaa Sanbataatiin Fayyise

Wanta inni raawwatetti namoonni hundi kan hin gammanne maaliifi?

BARUMSA 86

Yesuus Alaazaariin Duʼaa Kaase

Yesuus Maariyaam yommuu boossu innis booʼuu jalqabe. Taʼus imimmaan isaanii utuma baayʼee hin turin gammachuutti jijjiirame.