Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa Kutaa 14

Seensa Kutaa 14

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa misiraachoo Mootummichaa hanga andaara lafaatti lallabaniiru. Yesuus eessatti lallabuu akka qaban isaanitti himeera, akkasumas haala dinqii taʼeen qooqa dhalootaa isaaniitiin namootaaf akka lallaban isaan dandeessiseera. Yihowaanis ija jabinaa fi humna ariʼatama cimaa isaan irra gaʼu moʼuuf isaan dandeessisu isaaniif kenneera.

Yesuus, Yohaannis ergamaan mulʼataan ulfina Yihowaa akka argu godheera. Mulʼata kan biraa irratti immoo, Yohaannis Mootummaan samii Seexanaa fi bulchiinsa isaa irratti injifannoo bara baraa yommuu argatu argeera. Yohaannis, Yesuus Mootii taʼee yommuu bulchuu fi namoota 144,000 warra isaa wajjin bulchan argeera. Kana malees, Yohaannis guutummaan lafaa gara jannataatti jijjiiramee namoonni Yihowaa waaqeffatan hundi nagaa fi tokkummaadhaan yommuu jiraatan argeera.

KUTAA KANA KEESSATTI

BARUMSA 94

Barattoonni Hafuura Qulqulluu Argatan

Hafuurri qulqulluu dinqii akkamii akka raawwataniif humna isaaniif kenne?

BARUMSA 95

Eenyu Iyyuu Isaan Dhaabsisuu hin Dandeenye

Geggeessitoonni amantii Yesuusiin ajjeesaniiru, amma immoo barattoota isaa afaan qabsiisuuf yaalaa jiru. Haa taʼu malee, hin dandeenye.

BARUMSA 96

Yesuus Saaʼoliin Filate

Saaʼol diina Kiristiyaanotaa ture, booda garuu ni jijjiirame.

BARUMSA 97

Qorneelewos Hafuura Qulqulluu Argate

Waaqayyo Pheexirosiin gara mana nama Yihudii hin taʼin kanaatti maaliif erge?

BARUMSA 98

Kiristiyaanummaan Biyyoota Hedduutti Babalʼate

Phaawulosii fi namoonni isaa wajjin misiyoonota taʼanii tajaajilan biyyoota fagootti lallabuu jalqaban.

BARUMSA 99

Eegduun Mana Hidhaa Tokko Kiristiyaana Taʼe

Jinniin, kirkirri lafaa fi goraadeen seenaa kana keessatti kan ibsaman akkamitti?

BARUMSA 100

Phaawulosii fi Ximotewos

Namoonni lamaan kun akka michootaatti waliin hojjetaniiru, akkasumas waggoota hedduudhaaf hidhata walii taʼanii tajaajilaniiru.

BARUMSA 101

Phaawulos Roomaatti Ergame

Imalli sun balaadhaan kan guutame taʼus, rakkinni kam iyyuu ergamaa kana abdii hin kutachiisne.

BARUMSA 102

Mulʼata Yohaannis Arge

Yesuus mulʼatawwan walitti aanaanii fi waaʼee gara fuulduraa ibsan isaaf kenne.

BARUMSA 103

“Mootummaan Kee haa Dhufu”

Mulʼanni Yohaannis Mootummaan Waaqayyoo jireenya lafa irraa akkamitti akka jijjiiru argisiisa.