FAARFANNAA 13
Kiristoos, Fakkeenya Keenya
-
1. Ilmasaa Angafa,
Namootaaf kennuudhaan,
Jaalala addaa ibseera Yihowaan.
Kiristoos mulʼate
Namarraa dhalate;
Fakkeenya taʼee Waaqa jajate.
-
2. ‘Dubbiin Abbaa kootii,
Naaf buddeena’ jedhe.
Ogeessa, beekaa, hubataa ʼsa godhe.
Abbaasaaf hojjetaa,
Nuuf fakkeenya taʼe;
Waaqa gammachiisuutti gammade.
-
3. Nutis yeroo hunda
Abbaa haa jajannu;
Fakkeenya Yesuus kaaʼe haa hordofnu.
Yihowaa biratti
Akka jaallatamnu,
Yoomiyyuu isa duukaa haa buunu.
(Dabalataan, Yoh. 8:29; Efe. 5:2; Filp. 2:5-7 ilaali.)