Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 24

Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa

Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa

(Isaayaas 2:2-4)

  1. 1. Ija keessan kaasaa

    Tulluu Yihowaa ʼlaalaa.

    Addaan baʼee mulʼata

    Tulloota kaan caala.

    Naannoowwan fagoorraa,

    Namoonni dhufaa jiru;

    ‘Kottaa Waaqayyoof bulaa,’

    Jechuun wal affeeru.

    Amma dha yeroonsaa,

    Sabni xinnoon hedduu taʼuunsaa.

    Guddinni mulʼatu

    Eebba Yihowaa argisiisa.

    Hedduun dhufaniiru,

    Isa deggeraa jiru.

    Amanamoo taʼuuf

    Waadaa ʼsaaf galaniiru.

  2. 2. Dhugaa baʼaa jedhee

    Kiristoos ajajeera.

    Misiraachichi nama

    Hunda gaʼaa jira.

    Yesuus bulchaa jira,

    ‘Gara koo kottaa’ jedha.

    Garraamii kan taʼan

    Dubbichi ni gargaara.

    Nama gammachiisa,

    Tuutni uummataa guddachuunsaa.

    Lallabuuf carraaqnaan,

    Gammachuu kanarraa hirmaanna.

    Sagalee ol kaasnee,

    Nama hunda haa waamnu,

    ‘Tulluu bara baraatti

    Ol kottaa’ haa jennu.