FAARFANNAA 25
Qabeenya Adda Taʼe
-
1. Waaqni uumama haaraa,
Ilmaan hafuuraan dibe,
Nama keessaa filatee
Jaalalaan simate.
(BUUSAA)
Qabeenya addaa ti,
Saba maqaa keef taʼu.
Jaalalaan si faarsu;
Tokkummaadhaan waaʼee kee labsu.
-
2. Saba qulqullaaʼaa dha,
Dubbii dhugaa barsiisa.
Ni ibseefi Yihowaan
Ifa dinqisiisaa.
(BUUSAA)
Qabeenya addaa ti,
Saba maqaa keef taʼu.
Jaalalaan si faarsu;
Tokkummaadhaan waaʼee kee labsu.
-
3. Akkuma ajajaman,
Hoolota kaan sassaabu.
Yesuusiif amanamu.
Isaaf ajajamu.
(BUUSAA)
Qabeenya addaa ti,
Saba maqaa keef taʼu.
Jaalalaan si faarsu;
Tokkummaadhaan waaʼee kee labsu.
(Dabalataan, Isa. 43:20a, 21; Mil. 3:17; Qol. 1:13 ilaali.)