FAARFANNAA 28
Michuu Yihowaa Taʼuu
-
1. Yihowaa michuun kee
Kan si beeku eenyu?
Godoo kee keessa kan buufatu,
Eenyu kan amantu?
Kan dubbii kee eegu,
Kan amantii qabu.
Amanamaa, qajeelaa hunda
Siif kan ajajamu.
-
2. Michuun kee eenyu dha?
Kan ati simattu?
Kan si gammachiisu eenyu dha?
Kan maqaadhaan beektu?
Kan maqaa kee faarsan,
Kan siif ajajaman,
Amanamoo kan taʼan hunda,
Dhugaa kan dubbatan.
-
3. Kadhannaadhaan sitti
Himna yaaddoo keenya,
Akka nuuf yaaddu ni hubanna,
Sitti ni firoomna.
Michoota kee taʼuu,
Baayʼisnee hawwina.
Michuun akka keetii hin jiru,
Hin argamu beekna.
(Dabalataan, Far. 139:1; 1 Phe. 5:6, 7 ilaali.)