Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 38

Inni Si Jabeessa

Inni Si Jabeessa

(1 Pheexiros 5:10)

  1. 1. Waaqayyo waa malee dhugaa siʼn beeksisne,

    Dukkanarraa ifatti siʼn waamne.

    Fedha garaa keetii isa barbaaduu kee,

    Waan qajeelaa jaallachuu kee arge.

    Waadaa galte deemuuf karaasaarra;

    Si gargaareera, sii wajjin jira.

    (BUUSAA)

    Dhiiga Yesuusiin bitee,

    kansaa si godhate.

    Kanaaf si jabeessa,

    ni dhaabbatta cimtee.

    Akka durii si qajeelcha,

    inni si eega.

    Eeyyee si jabeessa,

    si dhaaba, si cimsa.

  2. 2. Yihowaan siif kenne Ilmasaa jaallatu;

    Fedhee milkaaʼina akka ’rgattu.

    Erga siʼn dhoowwannee tokkicha Ilmasaa,

    Hin shakkini Inni si jabeessa!

    Amantiif jaalala kee’n dagatu,

    Tajaajilaasaa hin irraanfatu.

    (BUUSAA)

    Dhiiga Yesuusiin bitee,

    kansaa si godhate.

    Kanaaf si jabeessa,

    ni dhaabbatta cimtee.

    Akka durii si qajeelcha,

    inni si eega.

    Eeyyee si jabeessa,

    si dhaaba, si cimsa.