FAARFANNAA 44
Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee
-
1. Yihowaa ‘kadhata koo
dhagaʼi’ sin waammadha.
Madaan koo dafee hin fayyu;
baʼaan koos cimaa dha.
Yaanni nama cabsuu fi
abdiin sobaa na miidhe.
Yaa Waaqa jajjabinaa
naa hili sin abdadhe.
(BUUSAA)
Ol na kaasi, na jabeessi.
Abdii koo naaf mirkaneessi.
Boolla keessaa ana baasi.
Yaa Yihowaa na haaromsi.
-
2. Yeroon dadhabetti Dubbiin
kee naaf taʼe dawoo;
Miira keessa kootii jechaan
ibsuu hin dandaʼu.
Na keessa kaaʼi amantii
Dubbii keerraa maddu.
Jaalalli kee garaa koorra
akka caalu hedduu.
(BUUSAA)
Ol na kaasi, na jabeessi.
Abdii koo naaf mirkaneessi.
Boolla keessaa ana baasi.
Yaa Yihowaa na haaromsi.
(Dabalataan, Far. 42:6; 119:28; Rom. 8:26; 2 Qor. 4:16; 1 Yoh. 3:20 ilaali.)