Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 45

Wantan Garaa Kootti Yaadu

Wantan Garaa Kootti Yaadu

(Faarfannaa 19:14)

  1. 1. Wantin garaa kootti yaadu,

    Wantin guyyaatti xiinxalu,

    Kan na jabeessu haa taʼu,

    Si Gooftaa koottis kan tolu.

    Yaaddoon sammuu koo baayʼatee

    Yoon bule hirriba dhabee,

    Garaan koo waan sirriirratti

    Haa yaadu waan hamaa jibbee.

  2. 2. Waan qulqulluuf dhugaarratti,

    Waan gaarii taʼe hundumaa,

    Wanta taʼe jaallatamaa,

    Yaaduudhaan nagaan argama.

    Gooftaa, yaanni kee guddaa dha!

    Gatiinsaa yoom shallagama!

    Dubbii keerrattan xiinxala,

    Yaadasaatiinan qabama.