Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 58

Warra Nagaa Jaallatan Barbaaduu

Warra Nagaa Jaallatan Barbaaduu

(Luqaas 10:6)

  1. 1. ‘Dhugaa lallabaa’ jedheera Yesuus;

    Inni hundaaf lallabeera,

    Yeroo hoʼaa, awwaararras.

    Hoolota Yihowaa ni jaallate.

    Fagoo deemee dhamaatiidhaan

    isaan argate.

    Manaa manatʼ karaarrattis,

    Rakkoon kan hafu taʼuusaa

    Ni himna hundattʼ oduu gammachiisaa.

    (BUUSAA)

    Addunyaarraa

    Michoota nagaa ni barbaanna;

    Nama fayyu

    Argachuuf cimnee tajaajilla,

    Hundattʼ himuuf

    Ni carraaqna.

  2. 2. Yeroon waan dhumeef dafnee lallabna.

    Kumaatama hedduu keessaa,

    Tokkollee oolchuuf dhamaana.

    Jaalalaan kaanee deebinee dhaqna.

    Garaan cabe ni fayya,

    jabina argata.

    Bakka hundumaa ni deemna,

    Kan dhagaʼu yoo arganne,

    Ni gammanna hojicha itti fufna.

    (BUUSAA)

    Addunyaarraa

    Michoota nagaa ni barbaanna;

    Nama fayyu

    Argachuuf cimnee tajaajilla,

    Hundattʼ himuuf

    Ni carraaqna.