Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 59

Anaa Wajjin Yaahiin Jajaa

Anaa Wajjin Yaahiin Jajaa

(Faarfannaa 146:2)

  1. 1. Anaa wajjin

    Yaahiin jajaa!

    Nuu kenneera waan gaariif jireenya.

    Maqaa isaa

    Ni eebbisna,

    Jaalalaa fi guddinasaa himna.

    Isa jajna, maqaasaa beeksisna.

  2. 2. Yaahiin jajna

    Nu dhagaʼa;

    Waan barbaachisu guutuu dandaʼa.

    Irreen isaa

    Laafaa cimsa;

    Hafuurrisaa garraamii jabeessa.

    Ni faarsina maqaasaaf humnasaa.

  3. 3. Waliin taanee

    Yaahiin jajna.

    Nu jajjabeessa, isa abdanna.

    Ni sirreessa

    Wanta hunda.

    Mootummaansaa hundaaf eebba fida.

    Gammachuudhaan jajna Waaqa guddaa!