FAARFANNAA 66
Misiraachicha labsaa
-
1. Dhugaan Mootummichaa dhoksaa ta’ee ture.
Amma Sanyicha abdachiifame barre.
Yihowaan araara qabeessa, qajeelaa;
Kanaaf hubate cubbuun fiduusaa balaa.
Ilmisaa lafa akka bulchu murteesse;
Yeroon jedhe gaʼee
Mootummicha hundeesse.
Misirroo ni qopheesse Ilma isaatiif,
Ulfina kenne tuuta xinnoo filateef.
-
2. Misiraachoon kun duris lallabameera.
Waaqni ammas beeksisaa nuun jechaa jira.
Maleekonnis nuu wajjin lallabaa jiru,
Dhugaa Mootummichaa labsuu nu gargaaru.
Hojii fi ulfina guddaa arganneerra;
Maqaasaa kabajuu fi
jajuuf filamneerra.
Misiraachoo bara baraa lallabuudhaan,
Mirga arganne waamamuuf maqaasaatiin.
(Dabalataan, Mar. 4:11; HoE. 5:31; 1 Qor. 2:1, 7 ilaali.)